ONM-ABO Bitootessa 25, 2023
Maqaalee adda addaa moggaafachuun murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo cunqursaa habashaa jala bubbulchuuf namoota ilaalcha siyaasaa kiyyaaf rakkoo dha jedhu hidhaa fi lafoo dantaa siyaasa isaaf barbaadu irraa namoota buqqisuu akkuma itti fufetti jira.
Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaatii ormaan dhaalchisaa, afaanii fi aadaa isaa jalaa balleessee, mirga namummaa mulquun hojii Oromoo mataa gadi qabuu magaalaa Buraayyuu keessatti hammeessee jira.
Haaluma kanaan ilmaan bixiginnaa ergam badiisaa Abiy Ahimad irraa fudhachuun Bulchiisa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa bakka addaa Keellaa naannoo Waayyuu jedhamuun beekamutti manneen namoota sababa Oromummaa qofaan yakkuun irraa diigaa jiru.
Namoota maaliif nurraa diigdu jedhanii gaafatan ammoo reebicha guddaa erga irraan ga’aaniin booda mana hidhaatti galchaa jiru Maqaa namoota hidhamanii dararamaa jiranii keessaa kan maqaa arganne barsiisaa Addunyaa fi barsiisaa Hirphaa kanneen jedhaman yoo ta’u namoota isaan dubbisuu deeman cufas hidhaa jiraachuun beekamera.