Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi raayyaa ittisa impaayeraa 1 fi milishootni 2 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo  magaalaa Muggii irraa WBOtti harka kennatan 

ONM-ABO Bitootessa 25, 2023

Caasaan waraanaa fi nageenyaa bilxiginnaa diigamuu itti fufuun waraanni, milishaa fi kaabinootni isaa sirnicha dhiisanii ba’uu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan kaleessa Bitootessa 24, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii irraa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii 1 qawwee AKM fi hidhannoo guutuu waliin sirna bilxiginnaa ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.

Kana malees aanichuma magaalaa mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Muggii irraa milishootni 2 kanneen maatii fi qe’ee isaanii irraa qabamuun qawwee akka baatanii sirnicha tajaajilaan taasifaman qawwee AKM 2 mooraa waraana bilxiginnaa keessaa fuuchuun WBOtti harka kennatanii jiru.

Murni bilxiginnaa waraanaa fi caasaa isaa deebisee haaromsuu fi haamilee itti horouuf hojii garaagaraa hojjechaa jiraatus miseensotni waraana isaa guyyaa garaa guyyaa keessaa ba’uun qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version