• Mon. Sep 25th, 2023

Kaaba Shaggar Aanaa Dagam keessatti waraanni Sirna Maafiyaa qote bulaa tokko ari’uun rasaasaan rukutanii madeessan 

Mar 27, 2023

ONM-ABO Bitootessa 27, 2023

Murni nagaa jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaanne bilxiginnaan waraana barcuma siyaasa isaa erganiif bobbaasuun kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Yaayyaa Harootti qonnaan bulaa maqaan isaa Dajanee Katamaa jedhamu mana isaa itti marsuun rasaasaan rukutanii jiru.

Bitootessa 26, 2023 obbo Dajaneen manni isaa humna diinaan marfamuu arginaan mana isaatii ba’ee otoo baqataa jiruu waraanni faashistii PP rasaasa itti dhukaasuun miila isaa madeessuu  obbo Dajaneen ni dubbatu.

Obbo Dajaneen akka jedhanitti guyyoota lama walitti aansuun badii tokko malee na barbaadaa turan, guyyaa kanatti ammoo manatti na argachuun mana kootti marsan, anis lubbuu koo baafachuuf manaa ba’ee baqachuu yeroon jalqabetti rasaasa natti dhukaasuun miila na rukkutan jechuun dubbateera.

Obbo Dajaneen miilaa rukkutamanis lafarra foqoqanii Waraana Bilisummaa Oromoo bira dhaqqabuun yaalaa isaaf barbaachisus argachuu dubbatee jira.

Yeroo gara garaatti aanaa kana keessatti waraanni murna faashistii kun irra deddeebiidhaan namoota galaafataa fi qabeenya barbadeessaa turuu gabaasaa turre.

Leave a Reply