ONM-ABO Bitootessa 27, 2023
Murni faashistii PP lubbuu ilmaan Oromoo akka baalaa harcaasuu hojii idilee isaa godhatee hojjechuu itti fufuun guyyaa gara guyyaatti qe’een Oromoo gadda akka taa’u taasisee jira.
Akka kanaanis godina Lixa Wallaggaa aanaa Amboo ganda Dikii iddoo addaa Hoborraa jedhamutti waraanni nama nyaataa PP Abiy Ahimed nama nagaa hojii isaa hojjetatee maati jiraachisu obbo Warqinaa Beekaa jedhamu naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Obbo Warqinaa Jimaate darbe manaa baasanii lagatti geessuun erga reebanii galchaniin booda dheengadda Bitootessa 25, 2023 mana baasanii ajjeesuun akka maatiin hin awwaallanne taasisaniiru.
Waraanni faashistii PP godina Lixa Shaggar aanaa Amboo gandoota Dikii, Waddeessaa fi Qullittii keessatti irra deddeebiin ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa akka jiran ni beekama.
Caasaan nageenyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee dhimma nageenya magaalattii irratti waltajjii taa’aa jiraachuun barame.
ONM-ABO Bitootessa 27, 2023 Murni faashistii PP gaaffii uummata Oromoof deebii waaraa kennuu irra diddaa uummaticha irraa sodaa qabuuf sochii magaalattii keessaa ilaalchisuun waltajjii taa’aa jiru.
Waltajjii kaleessa Bitootessa 26, 2023 eegale kana irratti kan hirmaatan qondaaltota biroo nageenyaa fi waajjira nageenyaa aanota magaalaa Finfinnee ti.
Waltajjii isaanii kana irratti dhimmoota nageenyaa magaalattii kaasuun sochiin hin beekamne mudachuu akka danda’u yaaddoo waltajjii irraa dhiyaate irratti akkaataa itti okkora ittisan irratti kallattii kaa’ataniiru.
Hojii nageenyaa kanas poolisoota federaalaa, raayyaa ittisaa, waajjira tika federaalaa fi qaamolee nageenya Oromiyaa waliin qindoominaan akka hojjetan waliigalaan.
Leenjii qaamolee nageenyaaf kennamu Oromiyaa keessattis mooraa Awaash Bisholaa fi Awaash Arbaatti itti fufee jiraachuun ni beekamaa.
