• Sun. May 28th, 2023

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessattii waraanni maafiyaa PP nama tokko ajjeesuun tokko madeessuun barame

Mar 29, 2023

ONM-ABO bitootessa 29, 2023

Mirga namoomaa kabajuun lammiilee bulchuun kan keessatti hin baratamne impaayera Itoophiyaa keessatti lammiileen mirga lubbuun jiraachuu dhabuun lubbuun isaanii akka baalaa harca’aa oola.

Keessayuu lubbuun ilmaan Oromoo hanga bineensaa hanqachuun nama tokkoo hanga sanyii duguuguutti Oromummaan yakkuun ajjeessa.

Dheengadda Bitootessa 27, 2023 aanaa Mana Sibuu ganda Adooroo Toobbaraa keessatti waraanni murna bixiginnaa nama maqaan isaa Boonaa Taammanaa jedhamu Barataa kutaa torbaa kan ta’e badii tokko malee manatti ol seenuun rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, obboTashoomaa Ofga’aa kan jedhaman ammoo rasaasaan madeessun barameera.

Dabalataanis ganduma Adoooroo Toobbaraa keessatti guyyuma sana namoota hedduu reebuun miidhaa qaamaa guddaa irratti geggeessuu isaanii maddeen keenya Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply