ONM-ABO bitootessa 29, 2023
Murni caasaa waraana isaa jabeessee aangoo irra bubbuluuf ilmaan haadha hiyyeessaa humnaa fi goyomsaan qe’ee isaanii irraa qabee leenjii waraanaatti erguun ilmaan Oromoo akka ajjeesaniif bobbaasu bilxiginnaan, miseensotni dirqamni dabaan kun itti kennamee Oromiyaa keessa bobbaafaman sirnicha ganuun WBOtti makamaa jiru.
Akka kanaanis dheengadda Bitootessa 27, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Angar irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii sadii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii kun mooraa waraana bilxiginnaa keessaa qawwee AKM Turkii 2, dachaatuu tokko, hidhannoo 3, rasaasa 600 fi boombii 2 qabachuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.
Ilmaan Oromoo murna bilxiginnaa ganuun WBOtti makaman kun qawwee baatanii murna bilxiginnaa tajaajilaa turuutti gaddanii, ilmaan Oromoo akkuma isaanii goyomfamanii sirnicha tajaajilaa jiran qawwee isaanii qabachuun gara WBOtti akka makaman dhaamaniiru.

