Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina wallagga lixaa aanaa Qilxuu kaarraa keessatti waraanni maafiyaa pp walga’ii hirmaachuu diddan jechuun namoota hidhuu jabeessan 

ONM-ABO Bitootessa 31, 2023

Impaayera Itoopiyaa akkaataa deebii’ee suphamuu hin dandeenyetti diigamee jiru, uummata Oromoo irratti deebisee  ijaaruuf kan yaalu murni bilxginnaa namoota ajajaa fi siyaasa sirnichaa morman cufa hidhaa jira.

Haaluma kanaan Bitootessa 27, 2023 Godina wallagga lixaa aanaa Qilxuu kaarraa bulchiinsa magaalaa Qilxuu kaarraa keessatti Uummata hundumaa wal-gayii dirqiin yaasuun namoota irraa hafan isin ergama waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiru

Bulchiinsa sirna dimookiraasii babaaldhifna jechaa Miidiyaan ololaa, faallaa isaa gochaa fi dubbii namootaa gara siyaasaatti harkisuun namoota nagaa hidhaa jira.

Namoota hidhamanii jiran keessaa kan Maqaa arganne Yaared Taammanee hojjetaa sirnichaa, Girmaa Qixxaataa, obbo Jaarraa Milkii, Amantii Kuusaa ogeessota fayyaa Dabalii Abaatee, Mangistuu Guddataa, Yooseef Abarraa  fi Muusaa Abdiisaa kanneen jedhaman ta’uun beekamera

Hojjeetota sirnichaa ta’anii namoota waan siyaasa of keessaa qabuu fi uummata Keenyatti miidhaa ta’u  hin hojjennu jedhan hundaa hidhaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Exit mobile version