ONM-ABO Bitootessa 31, 2023
Sarbiinsi mirga namoomaa fi dhiibbaa waraanni murna bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa bulchiisa magaalaa Dambii Dolloo keessatti jiraattota magaalattii irratti raawwatu jabaatee itti fufee Jira.
Waraanni murna bilxiginnaa kutaa waraanaa 82ffaa kan mana Amantii makaana yesuus dhanqaa keessa bufaatanii jiran haadholii fi shamarraln Oromoo namoota nuti aadaa fi safuu Uumatichaaf maqaa wamuu hin barbaanne irratti humnaan gudeeddii raawwachuun miidhaa qaamaaf saaxiluun hedduun mana yaalatti argamu.
Oduu biraatiin erga Bitootessa 25, 2023 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii hospitaala magaalaa Dambii Dolloo keessatti waliitti dhukaasuun Wal ajjeessanii ogeessota fayyaa fi hojjettoota hospitaalichaa hanga waardiyaatti Kan jiranii fi jiraattota naannichaa reebuu fi gochoota jibbisiisoo irratti raawwachaa jiru.
Bitooteessa 27, 2023 waraanni bilxiginnaa waardiyoota hospitaala magaalaa Dambii Dolloo namoota maqaan isaanii Iyyaasuu Gammachuu fi Shunaa Tolosaa miidhaa qaamaa yoo irraan ga’an, Addisuu Fiqaaduu ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mataa buruqsanii haalli fayyummaa isaanii sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuu maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
