ONM-ABO Ebila 4, 2023
Impaayera sarbamni ilmaan Oromoo jaarraa tokkoo oliif jabaatee jiru keessatti, ilmaan Oromoo mirga uumamaan qaban sarbamuun ba’uu fi galuun yaaddeessaa itti yoo ta’u, qe’ee isaanii irratti nagaan jiraachuu dadhabuun waraanni maafi’aa pp Uummata Oromoo irraa manneen diiguu fi hidhaa daran hammeessee jira.
Haaluma kanaan godina addaa Oromiyaa naannawwaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu aanaa 3ffaa keessatti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggertu Jedhu itti maxxansuun namooota siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’an hidhanii dararaa jiru. Namoota badii tokko malee Baatiilee dheeraaf hidhamanii jiran keessaa Margaa Asfa’uu dabalatee namoonni maqaan nu hin ga’in hedduun mana hidhaa keessatti halkanii fi guyyaa dararamaa jiru.
Dabalataanis ji’oota lamaan darban irraa kaasee bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keesssatti manneen ilmaan Oromoo dafqaan bulan maqaa ijaarsa seeraan alaa jechuun manneen dhibbootaan lakkawaman diiguu fi ammallee mallattoo itti gochuun manneen namootaa diiguuf qophii irra jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.