Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Benishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaa fi Aanaa Baanbasii keessatti duulli Oromoo Ajjeesuu waraana garboomfataa PP’n jabaatee itti fufee jira 

ONM-ABO Ebila 4, 2023

Naannoon Benishaangul Gumuz naannoolee  Oromiyaa daangessan keessaa tokko yoo taatu, murni bilxiginnaa yeroo garaagaraatti waraanaa fi karaa garaagaraa namoota dhuunfaa fayyadamuun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaanirraa akka buqqisan, dachee abbaa Isaanii irratti akka ajjeefaman kan ajaju ta’uun ni beekama.

Akkuma kanaan gocha farrummaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu itti fufuun Naannoo Benishaangul Gumuz aanaa Baambasii magaalaa baambasii keessatti Ebla 2, 2023 galgala toora sa’atii 3:00tti mana obbo Geetaachootti seenuun namoota manicha ta’anii hojii hojjetan lama ajjeesuun nama tokko ammoo madoo ulfaataa irraan ga’anii jiru.

Namoota lamaan battaluma rasaasa itti roobsanii ajjeesan maqaan isaanii Gammachiis Sobbooqaa fi Useen Alii yoo ta’u Haadha Isiyaaq Geetaachoo ammoo harma lamaan irraa kan rukutamanii fi miillarra kan dha’aman rasaasa sadiin rukutamanii du’aaf jireenya gidduu kan jiran yoo ta’u hospitaala Assoosaatti yaalamaa jiru.

Akka jiraattoonni naannok Baambasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti badii godhanii osoo hin taane Oromumma isaanii qofaaf yakkamanii kan ajjeefaman ta’uu dubbatanii jiru. Kana malees magaaluma Asoosaa keessatti rukutamuun hospitaala Asoosaatti namoonni sadii kan argaman ta’uu dubbatanii jiru.

Godina Qeellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa muggii keessatti milishaa hannaaf bobba’e tokko uummanni qabuun saaxilan.

ONM-ABO Ebila 4, 2023 Abiy Ahmed mataan nafxanyootaa meeshaa waraanaa itti hidhuun waraanaa fi miliishotaan akka qe’ee ilmaan Oromoo saamani fi buqqisan kan ajaju yoo ta’u Oromiyaa bakkoota hundaatti hammaatee itti fufee jira.

Haaluma kanaan Ebla 2, 2023 halkan aanaa Anfilloo magaalaa muggiitti akka saamaniif kan bobbaafan keessaa milishaa maqaan isaa Iddiluu Firrisaa kan jedhamu osoo inni buna uummataa saamuuf mana namaa seenee jiruu uummanni itti dammaquun qabanii meeshaa irraa hiikuun uummatichumti reebaa buluu jiraattonni duubbatu.

Itti dabaluun jiraattonni akka jedhanitti duulli Oromoo irratti geggeefamaa jiru jabaa waan ta’eef tokkummaan akkasitti waliif birmatee roorroo ofirraa kutuu qabna jechuun dhaamsa dabarfatanii jiru.

Ittuma fufuun waraannii fi qaammi caasaa bilxiginnaa waan safuu uummatichaa gidduutti qaanii ta’e raawwachaa kan oolanii fi gudeeddii fi saamicha isa duriirra kan hammeessan ta’uu jiraattonni magaalaa muggii ifoomsanii jiru.

Exit mobile version