ONM-ABO Ebila 5, 2023
Jilli Ertiraa Generaal Abirahaa Kaasaa, hoogganaa Ejensii tika biyyaalessa Ertiraa kan Ameerikaan bara 2021 keessa qoqqobbii irra keessee turteen hoogganamu daawwannaaf Finfinnee seenee turuu Addis standard gabaase.
Ministeerri Odeessa (Information minister) Ertiraa, Yemaanee G/Mesqel akka jedhetti jilli Finfinneetti imale sun dhaabolee gara garaa kanneen akka INSA Inistituutii tika namtolchee/artificial intelligence institute/ Waajjira muummee Poolisii Federaalaafi pirojektoota gara garaa daawwataniiru jedhameera.
Yemaanee G/Mesqel fuula twitter isaa irratti akka ifoomsetti kaayyoon daawwannaa ammaa kun walitti dhufeenya biyyittii, keessattiyyuu gama waraanaatiin jiru cimsuuf akka ta’e ibsuun, daawwannichis affeerraa Humna Ittisa Itoophiyaa irraa akka godhameefis dubbatee jira jechuun Addis Standard gabaaseera.
Daawwannaa ammaa kanaan wal qabsiisuun namoonni hedduun yaada isaanii akka kennanitti, dabballoonni bilxiginnaa impaayera itoophiyaa baraaruuf gochaa godhamaa jirudhas jedhaniiru. Impaayerattiin humnoota nageenyaa Amaaraa, Ertiraa fi kan ofii qabdutti fayyadamuun lola Oromoo fi Oromiyaa irratti labsuuf qophii taasifamaa jirus ni fakkaata jedhaniiru.


