• Sun. Oct 1st, 2023

Kaabinoonni Magaalaa Naqamtee wal shakkuun wal hidhanii jiraachuun beekame 

Apr 5, 2023

ONM-ABO Ebila 5, 2023

Ajjeechaa qondaala PP magaalaa naqamteetti torban darbe raawwatame hordofuun kaabinoonni PP magaalaa Naqamtee quba walitti qabaa jiru. Qondaalli bilxiginnaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti hoogganaa waajjira bilxiginnaa kan ta’e Dassaaleny Bogonjaa magaaluma Naqamtee keessatti kan ajjeefame yoo ta’u, Waajjirri Koominikeeshinii magaalichaa qaama hin beekamneen ajjeefame kan jedhe yoo ta’u, dabballoonni bilxiginnaa magaalichaa garuu keessoo isaanii shakkuun mana hidhaatti wal guuraa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Kantiibaa magaaliti dabalatee qondaalotni hedduu fi eegdonni Dassaalenyi hidhamanii kan jiran yoo ta’u, kantiibaan magaalittii guyyaa ajjeechaan kun raawwate waajjira hin seenin ooluu fi bilbila qaamota miidiyaa gara garaa irraa isa irratti bilbilamaa tureef bilbila kaasuu dhabuu, akkasumas konkolaataa ergiteefii hin beekne guyyaa sana maaliif ergiteef jedhamuun shakkamaniiru.

Qondaalonni biroon garuu wal dhiibbaa aangoo isaan gidduu tureen kan shakkamani yoo ta’u, shakkamtoonni hidhaman kunneen mana hidhaa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessatti hidhamanii jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Leave a Reply