• Wed. Nov 29th, 2023

Godina lixa Harargee ona Cirootti waraanni goolessaan Abiy Ahmed ilmaan Oromoo hidhuu itti fufe 

Apr 7, 2023

ONM-ABO Ebila 7, 2023

Mataan nafteenyootaa Abiy Ahmed erga gara aangootti dhufee waggoottan shanan kana keessatti dararaa fi dhiibbaa guddaa uummata Oromoo irraan ga’ee jira.

Dheengadda Ebla 5, 2023 godina lixa Harargee ona Ciroo araddaa ceekaa ganda marmaaree keessatti ilmaan Oromoo jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan yakka tokko malee Oromummaa qofaan yakkamuun waraana shororkeessaa Abiy Ahmediin hidhamanii gidirfamaa jiru.

Namoota hidhamanii jiran  keessa muraasni Mahaammad Adam Yaaqum, Jamaal Adam Yaaqum, Bali’aasaa Kamiiloo, Mumee Aliyyii, Abdallaa Muusaa fi Bakaree hamayaasiin Kan jedhaman waraana Bilisummaa Oromoo degertuu fi ni nyaachistuutiin waajjira poolisii ona cirootti dararaa agarsiisaa jiru.

Dararaa fi hidhaa waraanni murna bilxginnaa ona Ciroo keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru baqachuun namoonni hedduun gara magaalaa biraatti godaanuun rakkoo biraaf saaxilamaa jiraachuu maddeen ona Ciroo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply