ONM-ABO Ebila 7, 2023
Magaalaan Dambii Dolloo magaalaa haati ulfaa keessatti ajjeeffamtuu fi namoonni nagaan marfata magaalattii gubbaatti uummata bal’aa duratti badii tokko malee rasaasaan ajjeeffamuu fi dhiibbootaan kan lakkaa’aman ammoo hidhamuun sarbiinsi mirga namoomaa gita hin qabne keessatti raawwataa jiruu dha.
Dheengadda jechuun Ebila 5, 2023 godina qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dolloo ganda 01 gabaa keessatti shamarree Zashid Adam jedhamtu waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed rasaasaan rukutuun ajjeessan .
Shamarreen Zashid Adam umuriin ishee 18 yoo taatu, harmeen ishee gabaa keessaa hojii daldalaa irratti bobba’uun waan ishee barsiisaniif, osoo isheen mana barumsaatii baatee harmee ishee bira gabaa keessa dhaqaa jirtuu waraanni goolessaan Abiy Ahmed dhugaatii dhuganii manchaa’uun dhukaasa bananii shammarree Zashid Adam qoma ishee irra rukkutanii maddeessuun, yaalaaf Hospitaala magaalaa Dambii Dolloo erga gessee yeroo muraasa booda lubbuun ishee darbitee jirti.
Waraanni fi kaabinoonni bilxginnaa magaalaa Dambii Dolloo ajjeechaa shammarree kana irratti raawwatame dhoksuuf rasaasatu osoo hin beekin nu harkaa ba’ee ajjeesee fi hattuutti osoo dhukaasnuu rukkunne jedhanii sobuuf yaalanis soba isaanii irratti uummatnii dammaquun ,manattis ni duuna osoo karaa demnuus ni duuna jechuun komii kaasaniiru.
Dhuma irrattis Uummanni Oromoo kan isa miidhameef haqa baasu, isa du’eef gumaa baasu WBO bira dhaabbachuun mirga utuu hin taane dirqama waan ta’eef WBO wajjin abbaa biyyummaa keenyaa fi haqa keenya haa deebiffannu jechuun jiraattonni magaalaa Dambi Dolloo uummata Oromoo maraaf dhaamsa isaanii dabarfataniiru.
Oduu biraatiin magaalaadhuma Dambii Dolloo keessatti namoota nagaa baatii 8 hanga 10 murtii tokko malee kan hidhaa jiran yoo ta’u namoota hidhamanii jiran keessaa Obsaa Barjaa, Arafaat Zarihuun, Yisihaaq Mokonnin, Biqilaa Gammachuu, Abdulakim Adam, Gadaa Tasfaayee, Gammachuu Laggasee fi Darajjee Magarsaa yoo ta’u waajjira poolisii magaalaa dambii Dolloo keessatti hidhamanii yeroo dheeraaf hiraarfamaa jiran namoota 90 ol ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.