ONM-ABO Ebila 7, 2023
Impaayera diigamee kufuuf qarree Kufaatii irra marmaaraa jiru ilmaan Oromoo irratti deebisee ijaaruuf kan dhama’u murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu fi dararuu hojii idilee godhatee hojjechaa Jira.
Godina baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti waraanni bilxiginnaa daandii gubbaa fi bakkeewwan hojii keessatti namoota qabuun ukkaamsuun achi butee dhabamsiisuu fi hidhuu jabeessanii akkuma itti fufanitti jiru, Ebla 4, 2023 godina baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07 keessatti barataa Dagaagaa Bali’inaa Mul’ataa Kan jedhamu daandii irratti waraanni PP itti marsanii qabuun mana hidhaatti darbatan.
Barataan Dagaagaa Bali’inaa barnoota isaa barachuu fi maatii Isaa degeruu irraa Kan hafe hirmaannaa siyaasaa kamiyyuu akka hin qabne jiraattotni himuun, barattoota sammuu qareeyyii egeree biyyattiif abdachiisoo ta’an badii malee hidhuun sirrii miti jechuun gocha murna bilxiginnaa Kana Kan balaaleffatan jiraattota magaalaa Naqamteeti.