• Sun. Jun 4th, 2023

Murni bilxiginnaa poolisoota humna Addaa Naannolee diigaa akka jiru, Waajjirri Kominikeeshinii bilxiginnaa ibsa baase 

Apr 7, 2023

ONM-ABO Ebila 7, 2023

Bulchiinsa Naannolee balleessuun caasaa naannolee diigee kallattiidhumaan ofii bulchuuf daandii cirataa kan ture bilxiginnaan, caasaa humna nageenyaa Naannolee diiguun gara Poolisii federaalaatti ykn raayyaa ittisa impaayerattiitti akka makaman gochuu kan eegale yoo ta’u, naannolee tokko tokko irraa garuu mormiin isa mudataa jira.

Erga murni bilxiginnaa TPLF waliin rakkoo gidduu Isaanii jiru karaa nagaa furaachuuf afrikaa kibbaa piritooriyaatti mallatteessuun marii araaraa ifatti eegalanii booda polisoonni humna addaa naannolee hidhannoo akka hiikkataniif  ajaji ba’us, naannolee tokko tokko irraa mormiin Kan mudate yoo ta’u, irra jireessi poolisoota humna addaa naannoo Amaaraa Kunis gara bosonaatti humnoota finxaaleeyyii Amaaraa faannoo jedhamanitti badaa jiru.

Akka Koominikeeshiniin murna bilxiginnaa ibsa baasetti, mormii fi lolli guddaan naannoo Amaaraa irraa isaan mudachuu kan ibsan yoo ta’u, TPLF hidhannoo otoo hin hiikkatin nuti hin hiikkannu jechuun akkana godhanis jedheera.

Miseensonni poolisoota humna addaa Oromiyaa godinaalee lixa Oromiyaa lixa wallaggaa, Qellem wallaggaa fi baha wallaggaa keessatti mooraa leenjii haaromsaa deemuuf bakka tokkotti walitti qabamuun qophii irra jiraachuu keessa bektootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply