Ebla 10,2023 ONM-ABO
Haaluma kanaan abdiin Bilisummaa Fi Walabummaa Oromiyaa Gootichi Waraana Bilisummaa oromoo baha shaggar keessa socho’u, ganama har’aa tarkaanfii diina Irratti fudhateen hedduu du’aafi madoon adabee meeshalee waraanaa hedduu hiikkatee jira.
Lola jabaa Ganama har’aa Ebla 10, 2023 sa’a 2:00 AM Irrratti godina Shawaa Bahaa, Aanaa Faantaallee ganda dheebittii haroo qarsaa iddoo addaa haroo huubaa jedhamutti loltoota Faashistii Abiyi Ahimad waliin geggeessen loltoota 100 ol lakka’aman yoo ajjeessu, hedduu madeessee, meeshalee waraanaa Diishqaa 1Bireena 3 Isnaaypera 3 Kilaashii 40 Dugda diinaa Irraa hiikuun dantaa galii qabsoo bilisummaa oromootiif oolche jira.
Odeeffannoo dabalataa akkuma arganneen isiniin geenya.
Lolli Abbaa Biyyuma Oromoo kabajchiisuuf, Bilisummaa Fi Walabummaa geggeeffamu hanga gaaffiin sabichaa deebii argatuutti jabaatee itti fufa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Horaa Bulaa Deebanaa!






