“Jirtuu? Jirra! Akkaas! Leenca!..
Hayyee! Baga ittiin isin gahe..baga walumaan nu gahe. Leenjii Xumurattanii? Eeyyee, maal? Leenjii! Leenjiin xumura hin qabdu,,,, hanga bilisummaatti yookan waree-gamaatti jechuudha. Waraa-nni bilisu-mmaa oromoo kan inni leenji’u mooraa leenjii qofaa seenee miti. Jireenyi isaa, sochiin isaa, lo-lli isaa hundi yeroo hundumaayyuu leenjii qaba.
“Nii dhaga’amaa duuba sanatti? Maayikii dheeraa hin qabu! Hayyee kaleessaa qeerroo bilisummaa oromoo turtan har’a immoo kaadhimamaa waraa-na bilisu-mmaa oromoo ta’uuf leenjii hanga isin barbaachisu jalqabaa fudhattanii gara miseensa waraa-na bilisu-mmaa oromoo ta’uuf guyyoota moo, sa’atii moo, daqiiqaa moo, sekondii lakkaa’uutti jirtu? Sekondii. Kanaan dura leenjii bal’aan kennamaa ture nii beektu, kanan dura oromiyaa keessatti qeerroo bilisummaa oromoo gaafa taatanis waraa-na bilisu-mmaa oromoo waliin lo-laa turtan. Yoo hin lo-lle ta’es qaama lo-laa sana taananii hanga xurii qeensallee taatu qabsoo bilisu-mmaa oromootiif waa gumaachitanii turtan. Har’a immoo hidhattanii hidhannoo sammuu fi mudhiitiin miseensa waraa-na bilisu-mmaa oromoo ta’uuf dirree leenjii waraa-na bilisu-mmaa oromootti argamtanii eebba guyyaa har’aa Ebla 4,2023 geessanii, asumaan silaa egaa Eebilli ji’a seenaa qabsoo bilisummaa oromoo keessatti ji’a kabajamaadha….Amma yeroo leenjitan xumrattanii gara miseensa waraa-na bilisu-mmaa oromoo taatanii jaarmiyaa waraa-naatti dabalamtan isin warra ba’a nurraa buusu, qaawwa jirtu duuchu, rakkoo jirtu furtu, warra akkasii akka taatanittin isin abdadha,…Oromoonis akka isin kana guuttan, ulaagaa kanaanis akka leenjitan..waraa-nni bilisu-mmaa oromoo haala hamtuu keessatti kanaan dura leenji’ee lo-lee, lo-lchiisee bakkoota hedduu bilisa baasaa ture,,,sagantaa qabna ture sagantaan sun bilisummaan halee-llaa geggeessinee lafa qabannee ittisnee irra turru hin turre. Namoota hin galleefis akka galun barbaada, sagantaan sun sagantaa humna waraa-naa gahaa oromiyaa bilisa baasuu danda’u ijaarrachuuf sana immoo hi-dhannoo gahaa ta’e itti hidhuuf dii-narraa hiikuuf sagantaa saganteeffame ture jechuudha. Halee-llaa guutummaa oromiyaatti geggeessine raajii inni sichi nurraa eegan isa faranjiin “sarpiraayizid” jettun dii-na raasaa turre sana, isa amma laafatee mogoleen jalaa roqomaa jiru bakka qaama laafaa isaa sana iddoo itti ru-kunnu hin geenye, gahuuf immoo hidha-nnoo mudhii sassaabaa turre sana W3O isa har’a lakkoofsa isaa guddatetti hiineetu halee-llaa sanatti deemuuf jirra. Achis nii geenya. Hin shakkinu. Nii in-jifanna. Bakka sana gahuuf akka itti deemne qabna. Daandii irra deemne qabna. Bu’aa bahii baane qabna. Waan keessa dabarre qabna. Amma dhiyaanneerra. Shan nuun jechaa turaniyyu? eeyyee,, kuma shantamatu jira har’a! Shan nuun jechaa turaniyyuu? Kuma dhibba shan ta’eera har’a! Shan nuun jechaa turaniyyu? Miiliyeena shan ta’eera har’a! Shan nuun jechaa turaniyyu? Miiliyeena shantama ta’eera har’a! Oromoo hunda dhuunfateera. Waraanni bilisummaa oromoo har’a akka kaleessaa sana miti. Guutummaa oromiyaa keessatti qophiimatti jirra. Qophii sana itti guunna, ati bakka sanatti dhaqxee nama akka guuttu, akkasitti isin beeka, akkasittis of qopheessaa turtan. Akkasittis bobbaatu. Achiin booddee inni fagootti kuunnoo jechaa turan iddoo itti kunooti jedhan sana bakka qaama laafaa sanatti guutaa deemna jechuudha. Bakka qaama laafaa sana gaafa ru-kunne akka har’aa waraa-na bilisummaa oromoo lakkoofsaan baay’isuufi hidhannoo mudhii isaa itti hidhuuf diina irra waa harcaasaa turre bahaa turre sana hin ta’u jechuudha….Akkuma jettan iddoo jettanittis nii mirmirsina. Hin shakkiin isa kana.
Kanaafuu yeroo wee-rara geggeessaa turre, oromiyaa keessa yeroo socho’aa turre, hir’inni naamusaa kan oromiyaa keessatti dargaggoon oromoo baratee barnoota carraa isaa hin arganne sanuu baratee…erga baratee immoo darbee hojii itti hin arganne barchuu mitiiti baratee hojii itti argachuu mitiiti jiraachuunuu oromiyaa keessatti lafa rakkoo ta’etti, dargaggoon oromiyaa keessatti abdiin sabaa, egereen biyyaa, gaachanni oromiyaa, mootummaa dhufaa darbaa impaayera Xoophiyaa tiksan biratti yaaddoo ta’ee, yaaddoo sanan immoo adamfamee jiraachuun baay’ee itti ulfaate sun bakka hedduutti jireenya dhabuurra ganama bahee dalagatee galgala galuun deebi’ee hin jirtu waan ta’eef daandii irra taa’aa turee, dhagaa battee tokkorra ganama baatanii taa’aa ooltanii rifeensa micciraa ooltanii, lafti bar’ee namaan halkanaa’u, halkanaa’e namaa hin bari’u, kanaafuu mootummaa biyya abbaa qabduu, mootummaa ilmaan sabaa waan hin taaneef dagaggoon egeree biyyaa yeroo doomu, yeroo jallatu, jallina sanatti, doomina sanatti, hanqina sanatti oofaa turan. Sun immoo dhaloota wallaalaa, duudaa, gaaffii mirga isaa gaafachuu hin dandeenye, mirgaaf dirqama isaa adda baasee hin beekne, dhaloota akkasii dhalchanii, aangoof barcuma siyaasa irra bara baraan jiraachuuf waan kana tolfameef, dargaggoon akkasii lafti bar’ee hin halkanoofneef halkanaa’ee hin bariineefis sun suusii silaa Jimaa, Tamboo, Harqee, amma immoo darbeeyyuu yaaddessaa kan ta’e oromiyaa keessatti kan takkaa seenaa oromoo keessattuu aadaa, safuufii duudhaa oromoo keessatti argamee hin beekne Hashiisii sadarkaa boroo mana ofiitti bilqilfachuutti dargaggeessa gahe! Dargaggeessi akkasii yeroo hin sochoone, bakkoota adda addatti tarkaanfiin fudhatamu, mootummaa laafaa, roqomaan milishaan isaa, poolisiin isaa, waraanni isaa, qa-wwee bakka adda addaatti harcaasu, qa-wwee oromiyaa keessatti yaaddoo akka taatuu fi dargaggeessa hojii dhabee, dhiitame, barnoota dhabe, bahee galuu dhabe, qa-wween dargaggeessa akkasii harka gala. Oromoon Oromiyaan, sabni, saboonni cunqurfamoo hedduun ollaa fi oromiyaa keessa illee jiran rakkoo keessa seenamaa turre kun dhugaa jiruufi mul’atu. Haala akkasii keessatti laafinoota jijjiraniin waraanni bilisummaa Oromoo bakkuma adda addatti mooraa leenjii adda adda banuun, mooraaleen leenjii banaman silaa yoo dandeettii namaa gabbisuu ta’e, yoo hidhannoo sammuutiin gabbisanii baasuu ta’e, garbummaa qolachuuf yoo ta’e bareedaa ture. Kana ta’uu hanqachuu, seenaa waraana lixaa dhihoo kanaatiin kan beekamu lafa itti qulqullaa’ee leenji’ee bahu, sirnaan dafqa uka keessa cobsee, beela’ee, dheebotee, gangalatee, waraana akkasii akka kaleessaatti kan uummanni oromoo dafqa keenya iyyuu akka shittootti jaalatu waraana bilisummaa oromoo kaleessaa sana deebisna. Sirna dhabummaa, gadhummaa, ayyanlaallattummaa, hantuuta gumbii uru, dabeessa haadhaaf abbaa isaa irratti gootaa isa akkasii sana qulqulleessaa adeemna. Isin warra akkasiiti. Warra kalesssa biyya keessatti akka adda addaatti Oromoon gumbii isaa onsee, kiisii isaa onsee, ilmaan isaa hagabsee osoo nu leenjisuut deebi’ee oromoo irratti rakkoo uume. Isa akkasii nii qulqulleessina. Rirma dhaaba keessa ayyanlaallattummaa, sirba dhablummaa agarree bira hin dabarru. Qabsoon bilisummaa oromoo har’a booddee, kaleessas jalqabee akka isa darbee akka barteen hin adeemu. Akka barteen deemuu hin danda’u. Har’a oromoon qaanii garbummaa isheen keessa jirtu waggaa gaafa 1860 fi 1870 keessa ka’e. Koloniin tokko jedhee ilmaan oromoo Walloo irraa eegalee hanga 1903tti Boorana irratti xumuratee dhaabbatuutti har’a bara 2023 keessa jirruutti waggaa 160 darban garbummaa nuti kana keessa turre baay’ee ulfaataa fi qaanessaadha. Kana keessaa bahuuf uursuu, sossobuu, harka irra dibanii darbuu, osoo hin malaasiin hooquu, sanan galma hin gahu. Kanaafuu sirni dhabummaan akkasii nu keessaa nii buqqa’a. Bakka hin qabaatu. Ulee seeraatu jira. Uleen seeraa aangoo miti, guddummaa furdumma, gabaabummaa, qal’ummaa, dheerummaa miti, uleen seenaa daa’imattiyyuu yoo kenname qajeelfama, kaayyoo fi akeeka tokkitti qabnu baaneef sana jaarmiyaa tokkittii kaleessa jaallan kan akka jaal Elemoo Qilxuufaa, har’a as teenyee qa-wween balbala keenya jirtu oromoon inni kaleessa gurra qabatee namatti iyyu har’a dura namaa tarkaanfatee waree-gamu osoo hin jiraatiinuu, warri kaleessa baar gama ce’anii qa-wwee barbaacha oromoof, warri kaleessa qa-wwee barbaacha oromoof Sumaalee dhaqan sabummaa illee akka jijjirratan taasifaman. Qa-wwee barbaachaaf Oromoo taanee oromoof manaa baanee qa-wweef jecha sumaalee taanee manatti hin deebinu warri jedhe, warri kalesssa amantii, kutaa, gandaan fi lagaan gargar hin baanu jedhee Shinnigaatti waliin awwaalame har’a silaa isaan guyyaa sana hin darbanii waree-gamni isaanii gaafasi, osoo garuu guyyaa sana irbuu oromummaa sana sharafaniruu ta’ee isaan goota hin turre. Arrabsamaa jiraatu turan, baga waree-gaman isaan! Nutu garuu har’a waree-gama isaan kaleessa itti waree-gaman sana faajjii isaanii, guca isaan qabsiisaan ittiin qoosaa jirra.. Ittiin qoosuu hin qabnu. Sabni har’a laafaa abbaan fedhe boossisu, sabni gandaan ijaarrachuun salphaa ta’e, sabni amantaa fi kutaan ijaarrachuun salphaa ta’e, gartuu ijaarrachuun salphaa ta’e addunyaa kanarra yoo jiraate saba oromoo qofa. Sabni akka sabaatti uuuu jedhee tokkummaan ka’ee hin lo-lle yoo lo-lame gudunfachuu hin dandeenye yoo jiraate har’a oromoo qofa nama qaanessa. Akka amma jirru kanatti, akka amma hojjechaa jirruttiyyuu galma hin gahu, dachaa kuma dabaluu nu gaafata. Kanaaf isin yeroo asii baatanii sochootan maleeka ta’uu isin gaafata saba keessaniif. Dii-na keessaniif immoo nama garaa hin laafne gara kuteessa, summii ta’uu isin gaafata. Yoo akkas ta’e malee dii-na gaditti hojjennee, dii-naan wal qixayyuu hojjennee galma hin geenyu. Dii-na injifachuu kan dandeenyu yoo isaa ol taane qofaadha. Dadhabbiin har’a dadhabamu, beelli har’a beela’amu, dheebuun har’aa, aduun har’aa, dhoqqeen har’a keessa gangalattan, inni kun dirree lo-laa irratti dhii-ga dhangala’u hanqisati hin dadhabiinaa! Boru isiniif gala. Har’a adeemnee bakka geenye qabna. Bakka geenye irraa hanga nu hafutu jira. Hanga nu hafu kana immoo isa raafne sana hundeen buqqaasuuti qabna. Hundeen buqqaasuu yeroo jennu immoo barii jala dukkanni akka malee hammaata . yeroo barii jala dukkanni akka malee hammaatu, akka amma isin jirtan kana saba keessan duratti akka kaleessa gochaa turre sanatti ta’uu didee, bakka kaleessa irra kaaneetti deebinee gammoojjii oromiyaa keessaatti deebinee qabsoo leenjii akka kaleessaatti, waraannichi idduma kaleessaa sana jira. Bakkuma gahe gaheera. Leenjiin garuu akka kaleessaa ta’uuti hin qabu!”
Itti fufa….
Gaarii Caalii tii




Thank you for this initiative. However it would be more important if you translate in to English language and post it for the global community.