Ebla 14,2023 ONM-ABO
Abdiifi gaaddisnii Uummata oromoo , Waraanni bilisummaa oromoo tarkaanfii diina Irratti fudhatu jabeessuun ,diina du’aafi madoon adabaa jira.
Haaluma kanaan Ebla 13, 2023 gootichii WBOn zoonii kibbaa, konyaa gujii lixaa Aanaa GALAANAA, Ganda DANGOOtti, waraana shiftaa Abiyyii maqaa sakatta’a WBO jedhuun bobba’ee uummata nagaa ajjeessaa deemu irratti tarkaanffi laalessaa fudhatee jira.
Lola sa’a dheeraa fudhate, ganama sa’a 5:00 irraa eegaluun lola xiiqi qabu loluun, lola diina hamilee buuse lolee jira. Tarkaanfii fudhate kanaanis kumaalaa waraanaa tokko dabalatee nama 25 ol yoommu irraa ajjeessu, madoo konkolaata lama fe’atte gara magaala diillatti galte jirti. Gama meeshaatiin,qawwee AKM Turk,6, hidhannoo waliin qabsoo bilisummaa uummata oromoof gumacheera.
IUOf!
