• Mon. Sep 25th, 2023

Guyyaa Gootowwan Wareegamtoota Oromoo, Ebla 15, 2023 Yaadachuun, Kabaja fi Ulfina Oromummaa ti!

Apr 14, 2023

Yeroo Oromummaan yakka ta’e keessa, Gootowwan Oromoo, Oromummaa kudhaammatani, falmaa hadhooftuu
gaggeessani, wareegama qaalii baasan hundi Ebla 15tti yaadatamu. Ummatni Oromoo guddeessis, dammaqiinsa wareegama Gootowwan isaatiin kaka’ee,bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf wareegama irratti wareegama baasee injifannoolee hedduu galmeessee jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan mirkanaawuutti wareegama baasuun hin dhaabbatu. Gootowwan ilmaan Oromoo kan bilisummaa saba isaaniif jecha gatii lubbuu baasan yaadachuunis kabajaa Oromummaa ti. Kanaafiis, ABOn Ebla 15, Guyyaa Gootowwan Wareegamtoota Oromoo jechuun bara 1980 murteessee irraa eegalee yaadannoon wareegamtootaa kunoo waggoota 43 lakkoofsise.


Addi Bilisummaa Oromoo Ebla 15, 1980 keessa Guyyaa Gootowwan Waregamtoota Oromoo akka tahu yeroo murteessu,
rakkoolee jajjaboo ABOn bara 1978 irraa hanga 1980tti isa mudate hunda injifatee, WBOn ni dhabama jedhame sodaatame
ture hunda irra aanee, injifannoodhaan walitti dhufe. Guyyaan kun guyyaa damboobaa, guyyaa jabinaa, injifannoo fi
hamileedhaan guutames ture. Akkuma qaama dambooba guyyaa kanaatti guyyaan hoogganni dhaabaa ol’aanoon wareegama qaalii itti baasan miseensota WBOdhaaf ifatti ibsamee, Eblli15nis akka Guyyaa Goototaatti labsame.


Seenaan mudannaa Ebla 15, kan guyyaa jaallan dirqamaaf bobbaa irra turan, gammojjii Ogaadeen, bakka Shinniggaa
jedhamutti isaan mudates himame. Shinniggaan bakka humni waraana lola Somaliyaa irraa hafee uummata saamuu fi
jeequutu keessa ture. Jaallan osoo hin yaadiin bakka kanatti harka loltoota kanaa seenanii, guddoo hiraarfaman. Osoo isin
hin ajjeesin warri kiristaanaa taatan gam tokkotti, warri islamaa taatan gama biraatti bahaas jedheen. Jaallan garuu nuti Oromoo dha, amantii, gandaa fi gosaan adda hin baanu jedhanii didan. Jaallan keenyi Ebla 15, loltoota kanaan rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. Tokkummaan ummata Oromoo amantii, gandaa fi gosaan kan adda hin baane tahuu jaallan keenyi guyyaa kana dhiiga isaaniin mirkaneessan.


Jaallan kun galfata guddaa nutti dabarsanii wareegaman. Galfata kana bakkaan gahuun ammoo dirqama lammii Oromoo hundaa ti. Gama tokkoon, har’a Qabsoon Bilisummaa Oromoo sadarkaa abdachiisaa tokko irra gahee jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo aaynaa fi ba’inaan guddatee, sadarkaa magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa bakkoota hedduu dhunfachaa jiraachuu qaamni ani mootummaadha ofiin jedhu sadarkaa dhoksuu hin dandeenye irra gahee jira. Gama biraan ammoo, diinni Qabsoo Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf, halagaa Oromootti kakaasuu fi Oromoo qoduu toftaa isaa dhaabbataa tolfatee sosso’aa waan jiruuf; Oromoon ogguu galfata jaallanii yaadachuun, tokkummaa Oromoo jabeessee tiksuun, akeeka diinaa fashalsuun Oromummaa ulfeessuu akka ta’e qalbeeffachuu qaba!


Gootowwan ilmaan Oromoo bilisummaa saba Oromoof jecha baatii adda addaa keessa, guyyaa adda addatti, gatii bilisummaaf haga har’aatti wareegaman galmee seenaa irra jiru. Qabsaawoti Oromoo humna weerartuu osoo falmanii dirree qabsoo; baddaatti, gammoojjiitti, magaalaa keessatti, bakka jiran hundatti wareegaman Gootowwan Oromooti.

Jagnootiin ilmaan Oromoo dargaggummaan diina hudhanii qabuun lubbuu isaanii geeddaraa hin qabne wareegan Oromummaatti kabajaa horan danuu dha. Gootowwan keenya qabsoo bilisummaaf wareegaman fi wareegamaa jiran yaadachuun, dinqisiifachuu, ulfeessuu fi seenaa isaanii wal barsiisuun Oromummaaf ulfina kennuu dha.


Baroottan shanan darban keessatti ammoo addatti, miseensoti WBO, Gootowwaan keenya guyyuu diina kuffisaa kufaan
yaadannoo Gootummaa dhaloota harayaa ti. Haala kanaan WBOn wareegama ulfaataa baasaa, hidhannoo wal dhaalchisaa, wareegama jaallaniitti kabajaa itti horuun, baadiyyaa fi magaalaa dhuunfatee diina rifachiisuun uummata Oromoo ammoo
onnachiisaa jira. Ammas qabsoon itti fufee jira. Gama tokkoon diinni karoora WBO nan dhabamsiisa jedhu qabatee lolaa qindaawaaf of qopheessaa jira. Gama biraan ammoo WBO waliin araaramuu barbaadna jechuun uummata keenya afaanfajjeessuun, ejjennaa uummata Oromoo qooduuf tattaafataa jira. Dabalataanis, PPn finxaaleyyii Amaara loluu barbaada,kanaaf Oromoon PP deeggaruu qaba jedhanii ejjennaa uummata keenyadadarkeessuu barbaadan gochaa isaanii irraa akka of qusatan akeekkachiisuun fardii dha. Ammatti kan uummata keenya xiyyaara nama-maleeyyiin fi loltuu itti bobbaasee Oromoo irratti sanyii duguugaa gaggeessaa jiru sirna PPnhogganu dha. Duula Oromummaa dhabamsiisuu kan eegales sirna PP akka ta’e uummatni keenyi nuuf hubachuu qaba.


Gootowwan keenya kaleessas tahe har’a wareegamaa jiran yaadachuutti dabalatee, jaallan keenya har’a lola hadhooftuu
keessa jiraatanii wareegamaa hadhooftuu baasaa jiran, sabboontota Oromoo mana hidhaa Bilxiginnaa keessaa baafamanii
ajjeefaman yeroo itti yaadannu fi yeroo ummata keenya qe’ee isaarraa sududaan raraasaan ruktamee ajjeefamuu fi qe’ee
isaa irraa buqqisanii, hagabsanii, ilmaan waliin dirree irratti facaafsanii fixan mara guyyaa ittiin yaadanuudha.

Kanaaf, bara kana yeroo guyyaa Gootowwanii yaadannu Oromummaan kabajaa Oromoo ta’uu hubachuun akka qaroo ijaatti jabeeffachaa; tokkummaa Oromoo itichuun; dhaamsa gootowwan Oromoo dhaammachaa har’a gahan wal
yaadachiisaa; kaayyoo jaallan irratti wareegaman bakkaan gahuuf waadaa walii haaromsuun; Waraana Bilisummaa Oromoo qabeenyaan, beekumsaan, humnaan, teknolojiin gargaaruuf murannoon sosso’uun murteessaa akka ta’e wal hubachiisuun;ABO-WBO irraa qajeelfama fudhachaa, ijaaramanii sosso’uun gara rarraga injifannootti tarkaanfachuu irraa kan hafe falli biraa hin jiru. Gootowwan Wareegamtoota Oromoo kaleessaa fi har’aa yaadachuunis ulfina Oromummaaf kennuu dha!


Gootowwan Wareegamtoota Oromoo Bara Baraan ni Yaadatamu!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO

Ebla 14, 2023

Leave a Reply