• Sun. May 28th, 2023

Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti maqaa WBO waliin hidhata qabdaan hidhaa hammeessan 

Apr 18, 2023

ONM-ABO Eebila 18, 2023

Murni gurmaa’uun uummata Oromoo  saamu, ajjeesu waraana isaa Oromiyaa keessatti bobbaasu bilxiginnaan bakkeewwan bobba’uu mara keessatti madda goolumsaa ta’uun hidhaa fi hanga lubbuu namoota nagaa obbaasuutti gocha suukkanneessaa raawwachaa jira.

Haaluma kanaan godina Harargee lixaa aanaa Ciroo waajjira poolisii aanaa Cirootti araddaa Najjaabaas irraa qabuun nama maqaan ishee Tiimihaa jedhamtu baatii sadiin dura hidhanii kan jiran yoo ta’u, hanga yoonaas waan isheen keessaa quba hin qabne maqaa WBO qallabda jedhuun hiraarsaa jiru.

Akka jiraattotni magaalaa ciroo jedhanitti kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane gandoota baadiyyaa fi magaalichaa keessaa guuruun deeggertoota WBOti jechuun hidhanii hiraarsaa kan jiranii fi gariin ammoo achi buutee dhabamsiisuun, kaan ammoo dhoksaan lubbuu obbaasaa kan jiran lakkoofsaan hedduu ta’uu  jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.



Leave a Reply