Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii bahaa Asallaa fi Itayyaa keessatti ajjeechaa fi miidhaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Eebila 19, 2023 waraanni faashistii Abiy Ahmed ilmaan Oromoo ajjeesuu fi miidhaa qaamaa irraan ga’uu itti fufuun, Arsii bahaa Asallaa fi Itayyaa keessatti gocha hammeenya isaa itti fufee Jira.
 
Nama Shoree Imaamuu Hajii Waaqoo jedhamu waraanni bilxiginnaa gara laafina tokko malee rasaasaan yoo ajjeesu, abbaa isaas rasaasaan rukutanii madeessuun yeroo ammaa hospitaala Asallaatti yaalamaa akka jiruu fi haalli fayyummaa isaas sadarkaa gaarii irra akka hin jirre maddeen Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himan.
 
Ittuma fufuun magaalaa Itayyaa keessatti Tibboo Tunaayyee Kan jedhamu jiraataa ganda Tirumooyyee Kan ta’e waraanni shororkeessaan Abiy Ahmed ajjeesanii gatuun reeffi Isaa Eebila 15, 2023 bakkee keessaa argamuun kaafamee sirni awwaalcha isaa raawwatee Jira.
 
Akkasumas buufata poolisii Heexoosaa keessaa ilmaan Oromoo eenyummaan Isaanii adda nuuf hin baane mana hidhaa keessaa dhoksaan halkan baasanii ajjeesuun, hanga gabaasni Kun qindaa’etti reeffi Isaanii hin argamin jiraachuu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
 
 

Exit mobile version