ONM-ABO Eebila 21, 2023
Murni maafi’aa bilxiginnaa dheebuu aangoo qabuuf loltoota hedduu leenjisee qabsoo uummatni Oromoo diddaa fi hidhannoon geggeessaa jiru dadhabsiisuuf bobbaasus, kaayyoon isaa galma ga’uu hanqachuun miseensi waraana isaa keessaa ganuu, baduu fi walitti dhukaasuun wal ajjeesuu irratti argamu.
Dheengadda Ebla 19, 2023 miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii maqaa sakattaa WBOf godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Muggii irraa gara ganda Dollaa kan kilomeetira 5 qofa magaalattii irraa fagaattutti bobba’aan gala isaanii irratti walitti dhukaasuun MISEENSA isaanii kan sabaan Oromoo ta’e tokko ajjeesanii gatan.
Sababni ajjeechaa isaanii, dirqama maqaa WBOn nu baastan kana nu irraa maaliif hin dhaabdan, isaaniin uummatni jaallatee of keessa kaa’ee fi lola lafoon danda’aa hin jirru! Maaliif lubbuu keenyaan taphattu jechuun gala irratti walitti dheekkamaa osoo deemanii seensa magaalaa Muggii ganda 01 bakka baabura bunaa Gabri’eelee jedhamuun beekamutti garaa isaatti rasaasa roobsuun ajjeesuu odeessi keessoo isaanii ba’e ni addeessa.
Waraanni faashistii PP kun magaalaa Muggii keessatti warreen sabaan Oromoo ta’an baduuf yaalii gootan jechuun mooraa keessatti ajjeesanii awwaalaa akka jiranis barameera.
