ONM-ABO Ebla 24, 2023
Guyyaa dheengaddaa echuun Ebla 22, 2023 Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa keessatti hidhattootni abbaa irree Abiy Ahimed gandicha qubsiifaman gocha suukkanneessaa dhageettii fi argaaf namatti hin tolle haadha Oromoo aaddee Caaltuu Lataa irratti raawwatan.
Guyyicha akka jiraattootni jedhanitti naannoo sa’a 6: 00 irratti hidhattootni garee maafi’aa kun mana aaddee Caaltuu deemuun mucaa durbaa isaanii biratti gudeeduuf yeroo jedhanitti aaddee Caaltuunis mucaa isaanii kana callistee ilaaluu dadhabuun ollaan akka birmataniif iyyuun namootni akka birmatuuf godhan.
Waraanni garee maafi’aa kunis mucaa isaanii irratti reebicha hamaa eega raawwataniin booda aaddee Caaltuu rasaasa lamaan ajjeesanii deeman jedhu.
Aaddee Caaltuun nama guddoo fi haadha maatii torbaa yoo taatu waraanni dandeettii waraanummaa fi siyaasaa hin qabne kun haadha Oromoo kana irratti gocha suukkanneessaa kana rawwachuun isaa kan nama gaddisiisuu fi egereen uummatichaas yaaddessaa ta’uu jiraattootni gandichaa dubbataniiru.


