ONM-ABO Ebla 25, 2023
Godina baha Wallaggaa aanaalee garaa garaa keessatti caasaan bilxiginnaa saamtota ijaaruun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon saamicha akka geggeessaniif bobbaasee hojjechiisuu itti fufee jira.
Haala kanaanis jalqaba Baatii Eblanirraa qabuun godina Baha Wallaggaa aanaa Boonayyaa Boshee gandoota akka Jaawwii fi Gambeel keessatti qaamotni kunneen halkan mana irra deemanii maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti dha’uun maallaqa saamaa jiru.
Gareen saamtotaa maqaa WBOn uummata ukkaamsan kun caasaa bilxiginnaan kan ijaaraman yoo ta’u, uummataa fi WBO gidduutti diinummaa ijaaruuf akka ta’e barameera.
Humnootni badii kun ergama diinaa fudhatanii qonnaan bulaa Oromoo qabuun maallaqa kafalchiisanii gadhiisaa kan jiran yoo ta’u gootichi Waraana Bilisummaa Oromoos eeruunargateen adamsee to’achaa jiraachuun barameera.
Baha Wallaggaa aanota garaagaraa keessatti qaamotni diinni ijaare meeshaa qabatanii socho’uun saamicha geggeessaa jiraachuu kan himan maddeen, ilmaan Oromoo ta’uun namootni maqaa qabsoo qulqulluu WBOn geggeessaa jiruun gocha fokkisaa raawwachaa jirtan irraa dhaabbadhaa jechuun hawaasni naannichaa yaada isaanii ibsaniiru.