ONM-ABO Ebla 25, 2023
Gareen faashistii PP duula waraanaa Oromiyaa keessatti waggoottan shanan dura eegaluun miidhaa lubbuu akkasumallee qabeenya namootaa irraan ga’aa ture, har’as jabeessee itti fufee jira.
Haala kanaanis dheengadda Ebla 23, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Loomicaa keessatti murni maafi’aa kun mana qonnaan bulaa obbo Qannoo Dabalaa jedhamuu gubuun barbadeessanii jiru.
Obbo Qannoon qotee bulaa hojii isaaniif tattaafatan malee hidhata siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, mana isaanii waliin midhaan nyaataa, maallaqa, uffata, faayaa fi meeshaalee qonnaa garaagaraa gubanii jiru.
Ergamtootni Abiy Ahimed kun Jimaata darbe guyyaa Iidaa irratti aanuma Saasiggaa ganda Baloo 2ffaa keessatti namoota ja’a rasaasa itti roobsuun ajjeesuun qabeenya qarshii dabalatee saamanii deemuu gabaasuun keenya ni yaadatama.