ONM-ABO Ebla 25, 2023
Goleewwan Oromiyaa mara keessatti gara jabeenya murna faashistii Itoophiyaatiin lubbuun lammiilee nagaa akka baalaa ciramee harca’aa jiraachuu yeroo hedduu gabaasaa kan turre yoo ta’u, gochi ciiggasisaan murna kanaan raawwatamaa jiru jabaatee itti fufuun Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti namootni hedduun hidhamuun hedduun ammoo guyyuu ajjeefamaa jiraachuutu dubbatama.
Oduma kanaanis Ebla 21, 2023 waraanni PP aanaa Ada’aa Bargaa ganda Odaa Dhalootaa keessaa namoota Badhaasaa Fayyisaa, Billoo Dirribaa, Maallayyoo Baqqalaa fi Olii Addunyaa jedhaman ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiru.
Gandichuma keessatti dabalataan guyyaa kana waraanni sirnichaa nama Damee Siyyumee Ga’eessa abbaa daa’imman lamaa fi daa’ima waggaa kudha lamaa jalaa baqachuu dadhabe Dirbaabaa Gaaddisaa jedhamu rasaasa itti roobsuun kan ajjeesan ta’uunis beekameera.
Ebla 24, 2023 lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Deebisa Aggaasaa jedhamu keessatti dargaggoo Biraahanuu Dajanee kan jedhamu sababa tokko malee qe’ee abbaa isaa fuulduratti rasaasa itti roobsun ajjeesanii biraa deeman.
Dargaggoo Biraahanuu Dajanee maatii qonnaan bulaa irra kan dhalatee fi hojii qonnaa hojjachuun ofii fi maatii isa kan jiraachisuu yoo ta’u nama siyaasa irra bilisa ta’eedha jechuun jiraattootni ganda sanaa dubbatu.
Akkasumas gaafa Ebila 21, 2023 abbaa maatii ja’a kan ta’e manguddoo Gammachuu Damisee kan jedhamu ganduma Deebisa Aggaasaa keessatti ija maatii isaa duratti rasaasa lamaan ajjeesan jedhu jiraattootni.
Manguddoo Gammachuu Damisee nama qaama kam walinniyyuu quunnamtii hin qabnee fi jaarsa araaraa ta’uun uummata ollaa isa biratti nama jaalatamaa fi kabajamaa akka ta’e jiraattootni ollaa isaa ragaa ba’u.
Itti dabaluunis guyyuma kaleessaa kana namoota nagaa irratti dhukaasa bananiin namuu lubbuu isa oolfachuuf osoo fiigu kan hayyallaa bu’ee caccabe hedduu ta’us kan maqaa arganne Shaalloo Laggaasa nama jedhamuudha.
Dargaggoo naannoo Katamaa Wabii kan jedhamu ammoo ganduma kana keessaa qabanii achii buutee dhabamsiisanii jiraachuu jiraattootni dabaluun dubbataniru.
Murni faashistii PP kun ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti ajjeesuun barcuma siyaasa isaa dheereffachuu barbaadus diddaa uummataa fi qabsoo hidhannoo harkaa fashaleessuun Oromiyaa walabaa ijaaruuf ni hojjenna kan jedhan Qeerroo Bilisummaa Oromoo aanichaati.