ONM-ABO Eebila 26, 2023
Fedhiin Abiy Ahimed isaaniin fayyadamee Oromoo ittiin cabsuu qabutti fayyadamuun finxaaleyyiin Amaaraa weerara lafaa fi gocha sukkanneessaa ilmaan Oromoo irraan ga’uu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Dilbata galgala Ebla 24, 2023 fi kaleessa finxaaleyyiin Amaaraa naannoo Amaaraa godina Goojjam irraa gara godina kaaba Shaggar aanaa Darraatti ce’uun magaalota akka Adaree irratti dhukaasa banuun uummata shororkeessaa turan.
Kana malees ganda baadiyyaa Tuuttii jedhamtu keessa humna isaanii buusuun magaalaa Salalqullaa fi Salaayish keessatti leenjii fi hidhannoo jabeessuun qe’ee uummata Oromoo irratti dhukaasa guddaa banuun weeraranii erga seenanii qabeenya uummatni lubbuu isaa baafachuuf dhiisee baqatu saamanii deemu.
Caasaan finxaaleyyii aanaa Darraa keessatti jabaachuu ilaaluun uummatni yeroo of irraa qolachuuf ka’u, caasaan waraana bilxiginnaa uummata Oromoo maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakkee hidhuu fi meeshaa irraa fuuchuun dadhabsisaa jiraachuu kan himatan jiraattonni, bilxiginnaan aanichaa nu irraa akka ittisu gaafannus deebiin isaanii qaama olaanaatu beeka jechuun karaa biraan finxaaleyyoota kana yeroo gargaaran argina jechuun waan isaan irra ga’aa jiru Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


