• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Arsii bahaa aanaa Martii gandoota garaagaraa keessatti waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo ajjeesuu itti fufe 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Gareen maafi’aa PP afaaniin jechoota nagaa roobsaa sammuun ajjeechaa karoorsuun harkaan rasaasa ilmaan Oromoo irratti roobsuun lubbuu obbaasaa oolu, godina Arsii bahaa aanaa Martii mooraa qalmaa taasisanii jiru.

Akka kanaanis ajjeechaa sababa network’iin bubbulee nu qaqqabeen aanaa Martii ganda Heellaa Gadullaa keessaa qeerroo qabuun magaalaa Abboomsaatti hidhaa turan 6 torbee darbe Eebila 17, 2023 mana hidhaatii baasuun bakka addaa Dhagaa Cabsaa jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Qeerrowwan ajjeefaman kunis Jundii Buna Cafaa, Ahimed Haji Abdallaa, Tsaadiq Abdallaa Haji Duubee fi namoota sadiii kan maqaan nu hin ga’in akka jiran barameera.

Kana malees godinuma Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo bakka addaa Xenxichoo jedhamutti dargaggeessa ganna 28 maqaan isaa Tunnee Sheekoo Kaawoo jedhamu Eebila 10, 2023 waraanni bilxiginnaa ajjeesee kan gate yoo ta’u, aanaa Martii keessatti duula geggeessaa jiraniin lubbuun namoota nagaa badaa fi qabeenyi barbadaa’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply