ONM-ABO Eebila 26, 2023
Impaayera itoophiyaa duufee kufuu ga’e kan bulchaa jiru biltsiginnaan rakkoo dinagdee fi siyaasaa isa mudate dhoksuuf hojjettootaa fi waraana isaa shakkii irraa qabu hidhuu akkasumas miindaa kaffaluufii dhiisuun gariin hojii irraa ari’aa jiraachuun Oromiyaa bakkoota hedduutti mul’achaa jira.
Akkuma kanaan godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Qilleensoo Rassaa irraa barsiisaa Dabalaa Faasil jedhamu WBO waliin quunnamtii qabda jechuun waraanni raayyaa impaayerattii fi milishoonni bakka hojii isaatii qabuun Eebila 24, 2023 akkanni hojii baruuf barsiisuu gadi lakkisu taasisanii jiru.
Barsiisaa Dabalaan akka maddeen itti dhiyeenyaan hordofanitti ji’a shaniif miindaan kan hin kaffalamneef yoo ta’u, namni Kun garuu hojii baruuf barsiisuu malee ilaalcha siyaasaa kam keessaa akka hin qabne dubbatanii jiru.
Barnootni siyaasa irraa walaba jedhanii dubbatanis mana barumsaa sadarkaa gadiitii hanga dhaabbilee olaanootti barsiisotaa fi barattoota ilaalcha siyaasaan yakkuun hidhuu, ari’uu fi ajjeessuun erga Abiy Ahimed aangootti dhufee kan jabaateedha.



