• Mon. Sep 25th, 2023

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa raaree keessatti waraanni PP barsiiftuu tokko abbaa manaa keetu WBOdha jechuun hidhan 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Murni faashistii PP yeroo aangootti dhufe karaa Abiy Ahimed qorannu malee hin hiinu, akkasumas mootummaan isaanii shororkeessaa akka turee fi mirgi namootaa seeraan eegamuu akka qabu dubbatus afaan isaa irraa kan hafe qabatamaan ogeessotni lammii qaran barsiisotni osoo hin hafin hidhaa fi ajjeesaa jira.

Akkuma kanaan dheengadda jechuun Eebila 24, 2023 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Hundee Jireenya Baballaa keessatti Barsiiftuu maqaan ishee Masaayee Taarikuu jedhamtu kan mana barumsaa Caalaa Gocor irraa barsiiftu osoo ishiin gara mana barumsichaa deemaa jirtuu abbaan manaa kee WBO keessa jiraa waamii galchi, yoo kana hin taane ni hidhamta jechuun doorsisaa deemuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiru.

Barsiiftuu Masaayeen barsiisuu, dhaloota abdii borii qaruu malee ilaalcha biraa kan hin qabne yoo taatu, abbaa manaa koo aniyyuu eessa akkanni jiru hin beeku, galchuu hin danda’u isinuu yoo argitan naaf galchaa jechuun yoo dubbattu, hanga isa galchitutti mana hidhaa kana keessaa hin baatu jechuun waan ishee hin ilaallanneen magaalaa Waayyuu waajjira poolisii aanaa Jimmaa Raareetti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

Leave a Reply