• Sun. Jun 4th, 2023

Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree keessatti waraanni sirna pp qonnaan bultoota lafa isaanii dhorkachuun kanneen qarshii qabaniif kennaa jiraachuun barame 

Apr 26, 2023

ONM-ABO Eebila 26, 2023

Humni badii faashistichi abbaa irree lammiilee rakkoo dinagdeen jilbeenfachiisuun gadaa aangoo isaa lakkaawwachuu barbaadu bilxiginnaan hojjettoota irraa maallaqa kutuun waraana ittiin uummatatti bobbaasaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultoonni ammoo lafa isaanii akka hin qotanne dhorkaa jira.

Haaluma kanaan yeroo ammaa jechuun torbanoota kana iraa eegalee waqtii qonnaan bulaaf bokkaan roobeefii midhaan facaafachaa jiru keessa waraanni sirnichaa uummata Oromoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Shumboo deemuun isin WBO’f nyaata laachaa turtan jechuun kan isaan hin beekneen doorsisanii akka isaan lafa isaanii hin qotanne dhorkuun kanneen maallaqa of harkaa qaban ammoo qarshii 5,000 hanga 10,000tti kafalchiisuun lafuma isaanii akka qotatan gochaa jiru.

Akka jiraattonni aanaa Jimmaa Raaree ganda Shumboo jedhanitti yeroon kun nuuf yeeroo murteessituudha. Yoo yeroon midhaan facaafanne malee bara dhuftu beela hamaaf saaxilamuun keenya shakkii hin qabu jechuun maallaqa isaan lafa keenya irratti nu gaafatan kana kaffallus xaa’oo waan ittin bitannu hin qabnu nuti rakkoo hamaa keessa gallee jirra, bilxiginnaan afaaniin misooma lallabaa rakkoo hamaaf nu saaxilee jira jechuun yaaddoo keessa galanii jiraachuu Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf himanii jiru.

Leave a Reply