• Tue. Dec 5th, 2023

Caasaaleen murna Biltsiginnaa godina Gujii lixaa, gandoota aanaa Galaanaa, Qarcaa fi Bulee Horaa jalatti argaman gara Geedi’ootti dabaluuf hojjechaa jiraachuun beekame

May 1, 2023

ONM-ABO Caamsaa 1, 2023

Saamicha lafaa abbootiin irree barcuma aangoo impaayera Itoophiyaa of harkaa qaban baroota hedduun dura raawwachaa har’a ga’aniin, lafti Oromoo Oromiyaan bocaa fi qabiyyee duraan ittiin beekamtu dhabuun dachee gabroomfattoonni kalaqatan kan taate yoo ta’u, har’as daangaa uummata Oromoo warra biroof laachuun uummatni Oromoo saboota biroo waliin akka walitti bu’uuf shirri lafa daangaa irratti hojjetamu itti fufuun gochi egeree Oromiyaaf yaaddoo ta’e Gujii Lixaa keessatti geggeeffamuuf hojjetamaa akka jiru barameera. 

Oduuma kanaan wal qabatuun torbanoota darban irraa eegalee hojii murni PP lafa Oromiyaa Gujii lixaa muree godina Geedi’ootti dabaluuf hojjechaa jiru, uummata kan guumgumsiise yoo ta’u, akka karoorichaattis Godina Gujii lixaa aanaa Qarcaa guutummatti Geeda’ootti dabaluun, aanaa Galaanaa jalaa ammoo gandoota akka Samfaloo, Gamee akkasuma ganda Giwwee magaalaa fi baadiyyaa isaa gaaffii fi maree tokko malee godinicha irraa kutuun gara Geeda’ootti dabaluuf qophiitti jiraachuun himameera.

Dabalataanis Godinuma Gujii lixaa jalatti kan argamtu aanaa Birbirsa Kajowaa jalaa ganda Darii Qidaamee, aanaa Bulee Horaa jalaa ammoo ganda Hadaaloo Oggaa Geedi’ootti dabaluuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, aanaa Diimtuu Amballaas guutummaatti gara sanatti dabaluuf haaldureen barbaachisu xumuramee yeroo gabaabduu keessattis hojiitti hiikuuf socho’aa kan jiran ta’uu maddeen himuun, yakka seenaan hin daganne sirni bilxiginnaa raawwachuuf deemu kana uummatni godinichaa keesssaayyuu aanota kanneenii haala argataniin mormii cimaa dhageessisaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru. 

Leave a Reply