ONM-ABO Caamsaa 3, 2023
Mirga lubbuun jiraachuu sarbamuun gara biyyoota ollaa kanneen akka Jibuutii fi Sudaanitti baqachuun jiruuf Jireenya isaanii kan gaggeeffatan ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’us, biyyoota kanneen keessatti mirga baqattummaallee sarbamuun ajjeefamaa, qabeenyas saamamaa jiru.
Rakkoo biyya Sudaan keessatti uumameen Oromoonni hedduu kan ajjeefaman yoo ta’u, hedduun qabeenya qaban itti dhabaniiru. Rakkoon sun ammallee kan hin dhaabbatin jiru yoo ta’u, biyya Jibuutii keessattis rakkoo gama mootummaa biyyichaan Baqattoota Oromoo irra ga’aa jiruun namoonni hedduun ajjeefamuu ragaan biyya sana irraa nu dhaqqabde ni mul’isti.
Labsii bifa Command Post tiin baqattoota kana irratti labsameen, maanguddoota, dubartoota ulfaa fi daa’imman irra rakkoon gurguddaan ga’aa jiraachuu baqattoonni kunneen ni dubbatu.
Labsii hatattamaa biyyichi baaseen saamichi daangaa darbaan jiraattota biyyichaa fi humna nageenyaa biyyichaan ilmaan Oromoo kana irratti raawwataa kan jiru yoo ta’u, namoota hedduu qabanii hidhuun mana hidhaa keessatti reebicha humnaa olii irratti raawwataa jiraachuunis beekamee jira.
Ajjeechaa, saamichaa fi hidhaan magaalaalee Oromoon baay’inaan keessa qubatee jiru kanneen akka Ambuulii, Cartoon, Hariiba, Gabod Kaat fi bakkoota Oromoon itti baay’atu maratti itti fufee jiraachuu Baqattoonni Biyya Jibuutii jiraatan gabaasaniiru.
