Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Shaggar aanaa Boosat keessatti dargaggoo tokko waraanni bilxiginnaa ajjeesuu jiraattotni himan

ONM-ABO Caamsaa 3, 2023

Erga mariin araaraa waraana bilisummaa Oromoo fi murna bilxiginnaa gidduutti geggeeffamuu eegalee, duullii Oromoo dhabamsiisuu jabaatee itti fufuun, ilmaan Oromoo waraana raayyaa ittisa impaayerattiin  ajjeefamuun guyyaa gara guyyaatti dabalaa jira.

Murni bilxiginnaa afaaniin araara lallabaa ajjeechaa fi sarbiinsa mirga namoomaa raawwatu ammoo uummata irratti jabeessuun, godina baha Shaggar aanaa Boosat ganda Baatuu Warjii keessatti Caamsaa 1, 2023 waraana sirnichi bobbaaseen dargaggoon Alamuu Badhaadhaa jedhamu badii tokko malee rasaasaan ajjeefamuu jiraattotni dubbatan.

Godina baha Shaggar ona Boosat keessatti waraanni goolessaan PP namoota nagaa hedduu qabuun hidhuu, ajjeesuu, achi buutee dhabamsiisuu fi manneen namootaa gubee barbadeessuu torbanoota lamaan kanaan as kan duraa caalaatti jabeessee jiraachuu jiraattotni Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version