Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finxaaleyyiin Amaaraa Ilmaan Oromoo walloo lama ukkaamsuun yoo dhabamsiisan, bakka adda addaattis ajjeechaa raawwachaa jiraachuun beekame 

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Uummatni Oromoo Walloo dachee fi eenyummaa isaanii kabachiisuuf lola finxaaleyyiin Amaaraa irratti taasisaa jiran qolachaa kan har’a ga’an ta’ullee, finxaalessitoonni kunneen tumsa murna PP irraa argataa turaniin uummata Oromoo walloo irratti miidhaa ulfaataa geessisaa jiru.

Haaluma kanaanis godina Walloo ona Jillee Dhummuggaa keessatti kaleessa jechuunis Caamsaa 5, 2023 finxaaleyyiin Amaaraa dargaggoota Aliyyii Adam Michuu fi Mohammed Umar jedhaman ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuun beekameera.

Dabalataanis magaalaa Debiresiinaa bakka addaa Shoolaa Meedaa jedhamu keessatti finxaalessitoota kanneeniin ilmaan Oromoo Walloo 17 bakka tokkotti ajjeefamuunis himameera.

Exit mobile version