ONM-ABO Caamsaa 9, 2023
Waraanni impaayera Itoophiyaa badii tokko malee uummata Oromoo akka ajjeesaniif Oromiyaa keessatti bobbaafaman guyyaadhaa gara guyyaatti dhiiga qulqulluu akka bishaanii dhangalaasaa jiru.
Haaluma kanaan Caamsaa 6, 2023 godina Gujii lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Daawwaa Bicoo keessatti nama maqaan isaa Heekuu Uddeessaa jedhamu seelii WBOti jechuun bulchiinsaa fi nageenyi aanichaa Zinaabuu jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeese.
Kana malees namoota hedduu dhoksaan qabanii ajjeesaa kan jiran yoo ta’u, uummanni naannichaa waan Oromoo ta’e qofaaf adamfamee ajjeefamaa jiraachuu isaaniif mufii qaban dubbachuun, hidhaa fi ajjeechaan garuu qabsicharraa taakkuu tokkollee of booda nun deebisu jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
