• Sun. Jun 4th, 2023

WBOn kibba Oromiyaa aanaa Libanii fi Lixa Harargee aanaa Gammachiis keessatti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabuu beeksise

May 11, 2023

ONM-ABO Caamsaa 11, 2023

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn garbummaa uummata Oromoo irratti hidda gadi fageeffatte hundeen buqqisuuf qawween koloneeffattoota gogombisaa jira.

Dhiyeenya kana humna haaraa godinaalee Oromiyaa irratti murni bilxiginnaa raabsaa turus, humnootni kun jajjabee WBOn akka dansaatti qolatamaa jiru.

Duula isaanii kana abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Cibraan Soddom Booroo kaleessa Caamsaa 10/2023 kibba Oromiyaa aanaa Liiban ganda Burraa Dheeraa bakka addaa Takkaarri jedhamtutti lukkeele waraana maafiyaa Abiy Ahimed maqaa duulaatiin Waraana Bilisummaa Oromoo barbaaduuf socho’an irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen 21 oli du’aan 23 oli ammo madoo cimaa taasisuun  adabeeraa.

Miidhama lola kana irratti isaan mudateenis waraanni isaanii  konkolaata 3f lama ambulaansii 1 fi Isuzu lama walumaagala konkolaata ja’aan reeffaa fi madoo isaanii gara magaalaa Nageelle Booranaa galfatanii turan.

Qaqqaaliiwwan ilmaan Oromoo warreen dirree Jaal Elemoo Qilxuu irraa akka abbaa isaanii diina gombisaa jiran, WBOn zoonii bahaa har’a Caamsaa 11, 2023 ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun hanga sa’a 10:00tti  godina Lixa Harargee aanaa Gammachiis bakka addaa Gaara Muktaaritti lola jabaa taasisaniin loltoonni diinaa 30 ol ajjeefamee 37 madaa’eera.

Yeroo gabaasni kun qindaa’etti lolli itti fufee kan ture yoo ta’u gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo qawwee AKM 5 fi hidhannoo 5 irraa booji’uun dantaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply