ONM – ABO Caamsaa 14, 2023
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo WBOn ergamtoota impaayera Itoophiyaa naannolee ollaa Oromiyaa irraa daangaa ce’uun uummata Oromoo irraan miidhaa geessisan adabaa jira.
Akka kanaanis WBOn zoonii bahaa godina lixa Harargee aanàa Mi’eessoo keessa sosso’u humna addaa Soomaalee kan uummata Oromoo saamaa, gudeedaa fi ajjeechaa raawwachaa jiran guyyoota lama Caamsaa 12 fi 13, 2023 iddoo addaa Gammoojjii Gaara Wajiijaa jedhamtu irratti tarkaanfii fudhateen 12 ajjeesuun gariin madeessee qawwee AKM 4 irraa hiikkatee jira.
Haala kanaan wal qabateen waraanni gabroomfataa PP dirmachuun poolisiita humna addaa Soomaalee waliin ta’uun hedduuminaa hawaasa keessatti bobbaa’anii shororkaa uumaa jiru.
WBOn humna Oromoo tuquuf araraama hin qabu!
Injifannoon uummata Oromoof!

