ONM-ABO Caamsaa 15, 2023
Rakkoo tajaajila hawaasummaa dhorkachuu dabalatee, seekteroota sirnichaa hedduu keessatti hanqina kenniinsa tajaajila qulqulluu guutummaatti uummata kan mulqe bilstiginnaan, Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shambuu keessatti miidhaa guddaa uumaa jiraachuu jiraattotni himan.
Magaalaa Shaambuu keessatti saamichi waajjiroota PP keessatti gaggeeffamaa jiru yeroo dheeraaf uummata hubaa kan jiru yoo ta’u, rakkoon tajaajila buufata fayyaa sababoota hanqina qorichaa akkasumas maqaa WBO dhoksaan yaaltu jedhuun hojiirraa ari’atamuu ogeessota fayyaa hedduun wal qabatee uumamuu hanqina ogeessa fayyaan hawaasni bal’aan dhibeen miidhamaa jiraachuun beekameera.
Dabalataanis rakkooleen gama seektera qonnaatiin qotee bultoota gibira kaffalaa jechuun xaa’oo dhowwachuun mudataa jiru hammaataa ta’uu kan himan jiraattotni, geejjibaan wal qabatees taarifa konkolaataa dabaluu, maqaa daandii baadiyyaa fi magaalaa sirreessina jedhuun maallaqni uummata irraa funaanamee galii kaadirootaa ta’uun, hanqinni daandii konkolaataa ulfaataan jiraattota mudachaa jiraachuus ifoomsan.
Walumaa galatti magaalaa Shaambuu keessatti seekteroonni PP gubbaa haga gadii hojii saamichaatti kan jiran hoggaa ta’u, bulchaan godinichaas abbaa wixinee hannaa ta’uun korojoo isaa warreen isa fakkaatan waliin guuttachuuf sabbata haadha iyyeessaa hiikaa kan jiranii fi gochi isaanii hidda jabeeffatee jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
