Erga waliin dubbiin nageenyaa (mareen araaraa) marsaa 1ffaan Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa ture Caamsaa 03/2023 goolabamee booda, sirni Kiiloo 4 jiru tarkaanfii weeraraa dachee Oromiyaa bulchiinsa keenya jala jiran irratti fudhachuu eegalee jira. Gochi kun qajeeltoo lola qabbaneessuuf dursi kennamuu qabuu fi adeemsa waliin dubbii nageenyaa eegalame ifatti kan faallessu dha. Bifa nama gaddisiisuun, gochi weeraraa eegalame kun adeemsa maree araaraa keessatti sagalee guddaa qabaachuuf dursanii haleellaa gaggeessuun ol’aantummaa waraanaa qabatanii barcumaatti deebihuun siyaasa keessatti akka toftaa fudhamaatti ilaalamuu isaati.
Ejjennoo hin jijjiiramne nageenyaaf qabnu akkuma jirutti ta’ee, tarkaanfii hammeenyaa fi weerara sirnicha dachee fi bakkeewwan to’annoo keenya jala jiran – Wallaggaa Lixaa, Wallaggaa Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa, Arsii, Harargee, Booranaa fi Gujii irratti fudhachaa jiru haalaan of irraa ittisnee jirra. Ittisa kanaanis miidhaa fi kasaaraa guddaan sirnicha irra gahee jira. Sochii kana keessatti humni keenya cichoominaa fi murannoo jabaan gaggeeffamuun hammeenyaa fi weerara sirnichaa of irraa deebisuun hundee sirnichaa Kibba Lixa Shawaa maadheffate diiguudhaan injifannoo ol’aanaan galmeessee jira.
Haata’u malee miidhaan tarkaanfii hammeenyaa fi weerara kanaan sirnichaan hawaasa siivilii irra gahaa jiru daran yaaddessaadha. Humnoonni sirnichaa tarkaanfii irratti fudhatame kanaan rifaatuu keessa galuudhaan fuula isaanii uummata siivilii irratti deeffatanii jiru. Kunis malaa fi tooftaa sodaachisoo ta’an fayyadamuudhaan, hojjettootni siivilii ta’an sirna waraanaa maallaqaan akka deeggaran dhiibbaa gochuu fi qotee bultoonni loltoota isaaniif soorata akka dhiyeessan dirqisiisuu irratti argamu. Kanneen tarkanfii kan morman xaa’oo dhorkachuu dabalatee adabbii cimaatii hanga ajjeechaa jumlaa irratti raawwataa jiru. Loltooni sirnichaa qotee bultoota fedha isaaniin ala dirqisiisuudhaan humnaan gara milishaatti galchaa jiru. Humnoonni sirnichaa wayita Magaalaa fi Baadiyyaa keessa tamsa’aa jiran kanatti saamicha adda addaa raawwachuudhaan, bilbila uummata siivilii harkaa fudhachuu fi uummata reebuuf hiraarsuu irratti bal’inaan bobba’anii jiru. Kunis manneen uummataa gubuu, qabeenya qonnaan bultootaa barbadeessuu fi balleessuu dabalatee gocha jibbisiisaa miidhaa saalaas raawwachaa jiru. Gochaan hammeenyaa fi gara jabeenyaa raawwatamaa jiru kun sirnichi jireenya uummata nagaa fi siiviliif dhimma kan hin qabne ta’uu agarsiisa. Kana malees dinagdee hawaasa siivilii samaa kan jiran yoo ta’u; adeemsa nagaa jallisuudhaan hiree nagaa uummata keenyaa kallattii hin malleen qisaasaa jiru.
Uummata keenyaa fi dachee keenya dhibbaa fi hammeenya aggaamame kam irraa ittisuudhaaf ejjennoo fi murannoon qabnu akkuma eegametti ta’ee, sochiin uummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo sirna siyaasaa humna fayyadamuudhaan dhibbaa hin mallee taasisuun walta’insi uumamu kan hin jirre ta’uu ABO – WBO’n jala sararee hubachiisuu barbaada.
Yaalii sirnichi adeemsa waliin dubbii nageenyaa (maree araaraa) humna fayyadamuudhaan dhuunfachuuf taasisaa jiru hawaasi idil-addunyaa akka baalaaleffatu gaafanna. Sirnicha jeequmsa babal’isuu irraa of qusachuudhaan waliin dubbii fi adeemsa araaraa hiika qabu gama maraan fudhatama qabutti adeemuun walta’insa siyaasaa aarsaa gootota keenyaaf kabaja kennuu fi fedhii uummata keenyaa dhugoomsuu danda’uuf akka of qopheessu waamicha dhiyeessina. Nageenya amansiisaan karaa kana qofaan dhugoomuu danda’a.
Injifannoon Uummata Oromoo fi Uummatoota Cunqurfamoo Maraaf!
Ajaja Ol’aanaa ABO WBO
Caamsaa 19/2023