ONM-ABO Caamsaa 22, 2023
Lola waraanni bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa cufa keessatti humna guddaa fi meeshaalee jajjaboon dabaalee hundee diinaa raasaa jiruun rifaatuu hamtuu keessa kan jiran loltoonni PP, Uummata nagaatti fuula deeffachuun meeshaalee akka Moortaraa, RPJ fi Zu-23 gandoota hawaasni baldhaan keessa jiraatan irratti dhukaasuun manneen gubaa, qabeenya mancaasaa akkasumas jiraattota jumlaan ajjeessaa jiru.
Gamanumaanis godina Kaaba Shaggar aanaa warra jaarsoo ganda qacammee keessatti, dheengadda jechuunis caamsaa 19, 2023 haleellaa jabaa WBOn gandichatti irratti fudhateen kan mufate waraanni biltsiginnaa, meeshaa guddaa manneen jiraattotaa irratti dhukaasuun maatii tokko keessaa nama Sambataa Hurrisaa jedhamu, ilma Isaa Shaambal Sambataa waliin yoo ajjeesan, Jiraataan gandichaa Jaboo Morodaa jedhamus yakka loltoota sirnichaatiin guyyichuma ajjeefamuun himame.
Kana malees meeshaaleen waraanaa gurguddaan aanicha keessatti waraana bilxiginnaan uummata irratti darbatamaa tureen namoonni nagaan 9 ajjeeffamaniru.
Loltoonni impaayera itoophiyaa loltoota uummatatti dugda gatuun sirna abbaa irree tiksuuf leenjifamanii bobbaafaman yoo ta’aan, guyyaarraa gara guyyaattis yakka waraanaa sadarkaa idila addunyaatti gaafatamummaa jala isaan galchu dalagaa akka jiran ni beekama.



