• Fri. Apr 19th, 2024

Maqaa leenjii misooma qonnaa jedhuun namoota hedduu aanota    godinaalee Oromiyaa irraa walitti qabuun godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Kaadirootni PP leenjii basaasummaa fi tikummaa guyyoota 6f kennaafii turuun saaxilame

May 22, 2023

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Biltsiginnaan tooftaa ABO-WBOn ittiin cabuu danda’a jedhu mara soquun, guyyaa irraa gara guyyaatti tooftaalee fi tarsiimoo haaraa maddisiisaa kan jiru yoo ta’u, addattuu caasaa tika isaa jabeessee sochii WBO saaxiluuf akka toluufitti dabballoota hojii basaasummaa hojjetan oomishuu irratti xiyyeeffachuun leenjii sanaaf ta’u guutuu Oromiyaa keessatti gaggeessaa Jira.

Haaluma kanaan leenjiin guyyoota 6f gaggeeffamaa turuun, kaleessa jechuun caamsaa 21, 2023 goolabame, hojjettoota mootummaa kanneen Akka hojjettoota misoomaa, qonnaa, fayyaa namaa fi horii akkasumas seekteroota tokko tokko irraas ofitti hammachuun maqaa misooma qonnaa Oromiyaa jedhuun, godinaalee oromiyaan qabdu mara keessatti ta’aamaa akka turee fi  maqicha golgaa godhachuun kaadiroota PPtiin leenjiin tikaa fi basaastummaa kennamuu Maddeen keenya gabaasan.

Xiyyeeffannoon leenjii kanaa inni olaanaanis, Leenjitoonni kunneen tikaa fi basaastota iccitaawoo ta’uun, sochii fi caasaa ABO-WBO balleessuu irratti akka hojjetanii fi Olola maqaa Oromootu biyya bulchaa jira jedhuun, uummata afaan faajjessanii burjaajii uumuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii waraana bilisummaa Oromoo danquuf haala fooyya’aadha jedhamuun leenjisanii bobbaasuu maddeen dubbatan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading