Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barattootni Yuuniversiitii Dambi dolloo Mormii bulchiinsa Yuuniversiitichaa irratti geggeessaniin sirni baruu fi barsiisuu guutummaatti addaan citee jiraachuu maddeen moorichaa himan

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Caamsaa 19, 2023 mooraa yuuniversiitii Dambi Dolloo keessatti mormii barattootaan gaggeeffameef Sababni guddaan sirna dhabdummaa fi rakkoo bulchiinsa moorichaa ta’uu kan gabaasan maddeen, keessattuu moorichi dirqama bu’uureffameef jechuunis tajaajila qulqulluu barattootaaf kennamuu qabuu fi Hawaasa naannichaaf taasifamuu qabu guutummaatti hanqisuun, gaggeessitootaa olaanoo moorichaatii eegalee haga miseensota hojimaata moorichaa raawwachuuf ka’aamaniitti kallattii mijateefiin saamicha gaggeessaa jiraachuu isaaniin akka wal qabatu ibsan.

Saamichaa fi hanni mooraa Yuuniversiitichaa keessatti projectiiwwan gurguddoo qarshii miliyoona hedduutti lakkaawwaman irraa qabee hanga Foonii fi daabboo barattootni nyaataniitti kan gaggeeffamaa jiru yoo ta’u, Kunis Daakuu daabboo barattootaaf dhiyaatu irraa giraamaan hirdhisanii hatuun, barattootaaf nyaata gahaa fi qulqullina qabu dhiyeessuu dhabuun akka ta’e himuun, dabalataanis dhiyeessii barattootaaf dhufu guutummaatti saamuun gaggeessitootni kutaa nyaataa moorichaa gurgurachaa kan jiraniifi dhiyeenyas hoogganaan nyaata barattoota moorichaa foon barattootaaf dhiyaatu keeshaatti naqee utuu ba’uu harkaan harkatti qabamee kan ture ta’uus gabaasan.

Itti fufees hanqinoota barattootni moorichaa balaaleffachaa turan keessaa tokko rakkoo hanqina bishaan dhugaatii yoo ta’u, maallaqa projectiii bishaaniif ramadame hooggantootni moorichaa dantaa  dhuunfaa isaaniif olfachuun  barattootni bishaan qulqullina hin qabne dhuguun dhibee fayyaa fi xiinsammuun miidhamaa jiraachuu himan.

Dabalataanis hanqina ibsaa ga’aa moorichi qabuun ifni waan babbaduuf, barattootni qo’annaaf haala mijataa dhabuunis qabxiilee mormii barattootaaf sababa ta’aaniidha jechuun  ifomsaan.

Haaluma kanaanis Dabballoonnii fi tiksitoonni sirnichaa sagalee uummata cunqurfamaa ukkaamsuu bartee taasifatan, mormii karaa nagaa barattootni hattoota mooraa Yuuniversiitiichaa irratti gaggeessan dhaabsisuuf, humna waraanaa bobbaasanii reebicha taasisanis, cichoomina barattootni moorichaa agarsiisaniin mormichi itti fufuun, xumura irrattis haga rakkoon bulchiinsaa fi hojimaata moorichaa furmaata argatuu fi gaaffii keenyaaf deebii ga’aan deebi’utti daree barnootaatti hin deebinu jechuun adeemsi baruu fi barsiisuu  danqamuun, barnoota addaan kutanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version