Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Taltallee keessatti dabballoonni PP nyaata Milishaa sassaabna jechuun uummata saamuu fi dargaggoota dirqiin milishummaatti leenjisaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Caamsaa 22, 2023

Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo dhufutti isintu nurraa lola jechuun dargaggoota dirqiin walitti qabuun leenjisaa kan jiran dabballoonni PP, Godina Booranaa aanaa Taltallee keessatti, caasaa nageenyaa amma qaban irraa amanamummaa dhabuun hatattamatti dargaggoota humnaan ukkaamsanii leenjii galchaa jirus jedhameera.

Aanaa Taltallee Ganda Marmaroo Qallootti leenjii kana kennaafii kan jiran yoo ta’u, ganduma kana keessatti nyaata milishaa jechuun dirqiin uummata saamaa akka jiran maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen keenya jedhanitti ganda kana keessaa namoota dhuunfaa irraa; Re’ee 21, Qarshii 65,000, Midhaan nyaataa gomodee 50 Uummata irraa walitti qabuun milishoota ittiin jiraachisaa jiru jedhee jira.

Godina Booranaa hongeen miidhamuun gargaarsa Uummata Oromoon lubbuun akka dandamatu taasifame, mootummaan deggersa dirqiin irraa guuruun, aantummaa  saba isaatii dhabuudhas jedhaniiru.

Exit mobile version