• Sun. Jun 4th, 2023

Yuuniversiitii Dambii Dolloo keessatti barattoota seera dhabdummaa bulchiinsa moorichaa balaaleffachuuf bobba’aan irratti waraana sirnichaatiin miidhaa guddaan qaqqabe

May 23, 2023

ONM-ABO Caamsaa 23, 2023

Mooraa Yuuniversiitii Dambii Dolloo keessatti mormiin rakkoo bulchiinsa moorichaan walqabatu caamsaa 19, 2023 irraa eegaluun barattootaan gaggeeffamaa jiraachuu gabaasnee kan turre hoggaa ta’u, Mormiin kun kaleessa jechuunis caamsaa 22, 2023 bifa addaan itti fufuun, barattoota moorichaa hanqinootaa fi rakkinni mooricha keessa jiru akka furamuuf karaa nagaa gaafatan, waraanni Poolisii Federaalaa moorichatti bobbaafamuun barattoota gaaffii mirgaa gaafachuf ba’aan irratti reebicha geggeessuun barataa hedduun miidhaa ulfaataaf yoo saaxilamu, gariin ammoo qabuun mooraa poolisoota feederaalaa yuuniversiitichaa keessatti argamutti hidhanii akka jiran maddeen moorichaa himan.

Reebicha ulfaataa irratti raawwatameen barattootni hedduun miidhamuu fi barataa Saamu’eel Margaa department elektirikaal  injiineringii waggaa 2ffaa baratuu fi barataan Dagaagaa jedhamu yaalaaf gara hospitaala Dambi Dollootti dabarfamanii kan jiran yoo ta’u, barattootni kudhan maqaan isaanii nu hin qaqqabne ammoo mooraa poolisii federaalaa keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuus himan.

Akka maddeen moorichaa jedhanitti barataan kamiyyuu mooricha keessaa akka gadi hin baane dhorkamuun waan nyaatan dhabuu fi rakkoolee addaa addaa biroof saaxilamaa jiraachuu dubbatan.

Leave a Reply