ONM-ABO Caamsaa 24, 2023
Erga mariin araaraa Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi murna bilxginnaa gidduutti geggeeffamaa ture marsaan jalqabaa goolabamee, murni bilxginnaa loltoota isaa meeshaalee waraanaa gurguddaan dabaalaman Oromiyaa bakkeewwan garaagaraa keessa qubsiisuun lola ijibbaataa uummata Oromoo irratti banee jira.
Oduuma kanaan walqabatuun Kaleessa Caamsaa 23, 2023 godina Gujii bahaa aanaa Sabbaa Boruu ganda Siree Buqqee bakka adda gaara Bonnootii jedhamu keessatti, meeshaalee waraanaa gurguddaa waraanni PP uummata nagaa irratti dhukaasaa turaniin, daa’imman sadii madaa’uun miidhaan qaamaa ulfaataan irra ga’uun beekame.
Daa’imman kunis Kuulii Haroo Annaa fi siree Haroo Annaa obboleewwaan lamaan yoo ta’aan, daa’imni maqaan nu hin qaqqabne tokkoo fi namoonni hedduun madaa’uun magaalaa Shaakkisootti yaalamaa akka jiran maddeen himan.
Godina kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo keessattis Caamsaa 19, 2023 waraanni goolessaan Abiy Ahimed, Meeshaalee waraanaa gurguddaa uummata nagaa irratti dhukaasaniin lubbuun namoota 9 fi maatiin tokko guutummaatti ajjeefamuu gabaasuun keenya ni yaadatama.


