ONM-ABO Caamsaa 26, 2023
Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti roorrifamuun, hanga bineensa bosonaa illee kabaja dhabuu fi ulfina ilma namaaf malu hanqachuun, sabni akka gaanfa Afrikaatti guddinaan beekamu Oromoon gaddii fi boo’ichi erga qe’ee isaa dhuunfatee bubbuleera.
Bifuma kanaanis ajjeechaa waraanni goolessaan Bilxiginnaa Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessatti, Ilmaan Oromoo irratti raawwatuun, godina Arsii lixaa aanaa Heeban Arsii keessaa namoota maqaan isaanii Hisaa Gabuuroo Eda’oo fi Abbuu Abdii jedhaman waajjira poolisii aanichaatti hidhuun erga dararaa turaniin booda, Caamsaa 23, 2023 guyyaa gaafa roobii halkan mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii gatuu jiraattotni dubbatan.
Namoonni lamaan ajjeefaman Kun yakka tokkollee qabaatanii osoo hin taane, Oromummaa isaaniitiin yakkamuun sirna ilma namaaf naasuu hin qabneen ajjeefamuu jiraattotni dabaluun himan.
Oduuma Wal qabatuun Onuma Heeban Arsii ganda 02 keessatti nama maqaan isaa Fayyisoo Haphii jedhamu, waraana bilisummaa Oromoo deggerta akkasumas ni tumsita jechuun waraanni bilxiginnaa ajjeesuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

