ONM-ABO Caamsaa 26, 2023
Godina Booranaa aanaa Dubluqitti guyyaa kaleessaa jechuunis caamsaa 25, 2023 ijoollee Kuuchuu kan gulantaa jilaa muraa jirtu, qaamni nageenyaa, waraana mootummaa konkolaataa tokko itti buusee uleen tumuun baayyees hidhee jiraachuu maddeen keenya gabaasan.
Boorana keessatti ijoolleen Kuuchuu jila sirna gadaa keessatti bakka guddaa kan qabdu yoo ta’u, aanaa Dubluq ganda Qarsaa Dambii keessatti ijoollee sirna kana gaggeeffataa jiran mootummaan gabroomfataa qabee mana hidhaatti naqee jira. Ijoolleen hidhaman kunneenis,
1 Jirma Boruu Guyyoo
2 Roobaa Jaatanii Bulee
3 Halkanoo Waariyoo Guyyoo
4 Huqqaa Jaarsoo Goollichaa
5 Jabaa Moluu Liiban
6 Galgaloo Abduuba Liiban
7 Huqqaa Guyyoo Jirmoo
8 Quree Waariyoo Areeroo
9 Kiyyaa Daamaa Goollichaa
10 Boruu Roobaa Boruu ta’uu maddeen keenya Aanaa Dubluq irraa gabaasaniiru.
Sirni nama nyaataan “quba moo lubaan bultu”? jechuun aanoleetti Abbootii keenya harmaaf harka mure, kan abbootii Gadaa Karrayyuu jumulaan bakka tokkotti fixe, ittuma fufuun Jila Gadaa Booranaa jeequun ijoollee kuuchuu qabee mana hidhaatti darbatee jira.