ONM-ABO Caamsaa 30, 2023
Kaadirootni PP magaalaa shaashamannee maadheffachuun ilmaan Oromoo adamsaa jiran, guyyaa irraa gara guyyaatti namoota sabboonummaa qaban funaananii hidhuu itti fufuun, Barsiisaa Abdullaayi Tibbeessoo jedhamu jiraataa Shaashamannee ganda 04 Barsiisaa muummee kompiiwuter saayinsii Kolleejjii Daadimoos kan ta’e, caamsaa 24, 2023 osoo inni gara hojii isaa deemuu daandii irraa qabuun waajjira poolisii aanaa lammaffaa bakka 81 jedhamuun beekamutti hidhanii jiraachuun maddeen dubbatan.
Maddeen akka jedhanitti Barsiisaan Kun abbaa daa’imaa 4 fi hanga har’aallee hidhamee hiraarfamaa kan jiru yoo ta’u, dabalataanis bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 01 keessaa torbee darbe nama Kamaal Shunkaa jedhamu qabuun hidhuunii fi magaalichuma ganda 05 keessaas maanguddoo ganna 65 Abdunaasir Gammachuu jedhaman nama ammaan dura qabamuun mooraa waraana PP Toogaa iedhamu keessatti ji’a 2f hiraarfamaa turan, loltoonni biltsiginnaa irra deebiyanii qabuun waajjira poolisii aanaa tokkoffaa keessatti dararaa jiraachuu dubbachuun, aanuma shaashamannee ganda Algii Rimaa jedhamu Keessaas nama Shukurii Oogatoo jedhamu maanguddoo ganna 70 kan dhiyeenya mooraa Toogaa irraa gadi lakkifaman kaadiroonni PP qabanii hidhanii jiraachuu ifoomsan.
Oduu biraatiin ammoo magaaluma Shaashamannee keessatti dargaggoota barnootaaf Oromiyaa golee garaagaraa irraa dhufanii magaalicha keessaa jiran, waraannii fi poolisoonni biltsiginnaa maqaa adda addaa itti maxxansuun qabanii hidhaa, qabeenyaa fi maallaqa harkaa saamaa fi doorsisa irraan ga’uun barattoota hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen dabaluun addeessan.

